Koronaavaayiras: Qorichi Tiraamp dhibee Covid-19 wallaanuuf gargaara jedhan yaaliirraa dhorkame

Qoricha busaa

Madda suuraa, Getty Images

Haayidirookiloorkiin carraa dhukkubsattoota Covid-19 du’aaf saaxiluu akka dabale ragaan qo’annoo haaraan mul’ise.

Firiin qorannoo dhaabbata fayyaa Sarjisfeer jedhamu wabeeffachuun ibsame akka agarsiisutti, qorichi farraa busaa kun dandeettii dhukkubsattoota Covid-19n muddama keessa seenan fayyisuu akka hin qabne ibse.

Dhaabbanni fayyaa qo'annicha ibse Sarjisfeer jedhamu qaama walabaaf qorannicha irra deebi’ee akka sakatta’u hin eeyyamne.

Firii qorannoorratti bu’uureffachuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaaliin qoricha farra busaa kanarratti gaggeefamu akka addaan citu taasise.

Pirezedantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp dabalatee hoggantoonni muraasni garuu, qorichi kun vaayirasicha wal’aanuuf akka fayyadu dubbataa turan.

Haasaa Tiraamp booda qorichoonni dawaa kanatti hidhata qaban Ameerikaa keessaafi biyyoota biroottis barbaadamummaan qaban dabaleera.

Pirofeesarri Yunvarsiitii Harvaad qorannoo haaraa bahe adda durummaan gaggeessan Mandeep Mehraa dhaabbanni fayyaa Sarjisfeer ragaa qorannoo kana qaamni sadaffaa (walabaa) akka ilaalu gaafatanii dhaabbatichi akka dide himaniiru.

Hojii gaggeessan dhaabbata fayyaa Sarjisfeer garuu odeeffannoo icciitii maamiltoota isaanii eeguuf akka ta’e ibsaniiru.

Qorannichi maal agarsiise?

Qo’annoon barruu dhimma fayyaa Lanseent jedhamurratti duraan maxxanfame akka mul’isutti, yaalii kanaarratti dhukkubsattoota 96,000 hospitaalota addunyaarra jiran 671 keessatti argamaniitu irratti hirmaate.

Dhukkubsattoota Covid-19’n qabaman keessaa 15,000’f qoricha farra busaa Haayidirooziikilorokiin of keessaa qaban kennameera.

Qorichi kun garuu dhukkubsattoota wayyeessuuf homaa otoo hin gargaariin hafe.

Sirumayyuu dhahannaa onnee dhukkubsattoota jeequu fi lubbusaanii galaafachuutu qorannoo kanaan bira gahame.

Qorichi kun busaa wal’aanuurratti milka’aa ta’us, koronaavaayirasii wal’aanuuf fayyaduusaarratti ogeyyii hin mirkaneessiin hafaniiru.

Qorichi kun dhibeewwaan akka madinummaan akka qaamaa of miidhuu kakaasan kanneen akka Luppasii fi Artiriis jedhaman wayyeessuuf ni fayyada jedhan ogeeyyiin.

Qo’annoon kilinikaa Yunvarsiitii Minisootaatti gaggeefame dawaaan kun dhukkuba koronaavaayirasii wallaanuudhaaf akka hin fayyadne mul’iseera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaalii qoricha kanarratti gaggeeffamu ji’a darbe keessa addaan kutee ture akka irraa deebiin eegalamuu guyyaa lama dura ibsee ture.

Qorannoon walfakkaataan dawaa kanarratti biyyoota akka Ameerikaa, UK fi Senegaal keessatti gaggeeffama ture.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa