Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalattuu Somaaliyaa: 'Ijoollee hidda sanyii gurraachaa Ameerikaatti guddisuun yaaddessaadha' -
Torbee darbe Joorji Filooyid poolisii adiin ajjeefamuun booda Ameerikaan mormiidhaan raafamaa jirti.
Mormii caalaa immoo gochaan raawwatame gurraachotaafi hawaasa adiin alatti jiraniif yaaddoo guddaa uumeera.
Keessumaa poolisii adiidhaan kan ajjeefaman ijoollee dhiiraa tahuun isaanii maatii irratti yaaddoo uumeera.
Ifraan Udguun waraana Somaaliyaa keessa ture baqattee maatiishee waliin waggaa 12tti Ameerikaa galte. Achitti garuu gidiraan akkasii na eeggata jettee hin yaadne ture.
Ohaayootti barsiistuu barnoota Saayinsii kan taate Ifraan, ilma ganna 13 qabdi. Garuu biyya sanyummaan wal qoodde keessatti ijoollee guddisuun akka ulfaatu hin dhoksine.
Biyyi Ameerikaa ummata ganamaa biyyoota isaaniirraa buqqaasuun hundeeffamte godaantota baayyeef abjuudha.
Ifraaniifi maatiinshee waraana biyyasaanii baqatanii Ameerikaa kan galan boqonnaa argachuuf.
Yoo xiqqate ijoolleen keenyi lafa nagaafi foyya'aa tahetti guddisna jedhaniiti. Haatahu malee, lafa sanyummaa hidda jabeefFate keessatti ijoollee guddisuun waan salphaa hin taane.
Ifraan, ''ajjeechaan amma raawwataa jiru kan poolisiin hamaa tokko godhe otoo hin taane hundeeffama seeraafi imaammata biyyattii waliin hidhata qaba,'' jetti.
''Haala kana maatiin hubachuun rakkisaa dha. Mucaan koo waan ani to'achuu hin dandeenyeen na jalaa miidhamuu akka danda'u yaaduun kan ibsamuun ol guddaa dha,'' jetti.
Ijoolleen dhiiraa kichuun waggoota darban keessatti baay'inaan ajjeefamuun addunyaan ijoollee adii fi gurraachaa gargar tahuu sirriitti mul'iseera.
Biyya ijoolleen akka ijoolletti hin yaadamnetti guddisa isaanii nutti cimsa jetti Ifraan.
Ilmasheetti dhimma kana hubachiisuun akka irra jiru murteessun marii jalqabde.
''Daa'ima waliin waa'ee sanyummafi dararaa poolisii haasa'uun waan laphee namaa cabsu dha. Isaan gargaaruu akka hin dandeenye yoo beektu waan isaan gante sitti fakkaata.
''Ilma kee ganna 13tti poolisiin adii si ajjeesuu danda'a jedhanii himuun ulfaataa dha garuu fakkeessee bira darbuu hin fedhu,'' jetti Ifraan.
Ilmi koo hubannoo otoo hin qabaatiin akka guddatu hin barbaadu jetti.
''Ilmi koo addunyaarrattis tahe ilmaan namaa irratti abdii akka kutatu hin fedhu. Kanaaf isa barsiisuun narra jira,''
Ifraan, ''namni filannoo ofii qabaatus Ameerikaan garuu hundee dhumaa rakkoo qabdi,'' jetti
''Seenaa Ameerikaa keessatti dhaabotni ijaaraman sanyummaan akka raawwatamuuf iddoo ni kennu. Sanyummaan dhimma tokko namni hamaa gatii taheef kan raawwatu miti.
''Dhimma caasaati, aangoo waliinis kan wal-hidhatu dha. Kana ijoollee ganna 13'f hubachiisuun salphaa miti. Dhimma ijoollees tahuu hin qabu ture.''
Hanga naaf danda'ame dhugaa warra gurraachaa, bakka buutummaa isaanii kan barnootaafi dhimmootaa kaanillee seenaa kaasnee haasofna.
Yeroo rakkisaa kana keessatti immoo dhimma nuti to'achuu dandeenyurratti akka xiyyeefatuufi of akka kunuunsu ittan hima jetti Ifraan.
''Ilma kee ganna 13 poolisiin adiin ajjeefamuu dandeessa jechuun ni ulfaata'' jechuun himti.