Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joorji Filooyid: Lammii Ameerikaa poolisii adiin ajjeefameef geggeessaan ho'aa taasifame
Lammii Ameerikaa gur'acha, Joorji Filooyid poolisii adiitiin ajjeefame haala baayyee ho'aa ta'een gaggeessaan taasifameeraaf. Sina gaggeessaa Joorji Filyood kana irratti namoonni bebbeekamuu hedduun argamuun haasawaa farra jibbinsaa irratti taasisaniiru.
Abukaatoon maatii Joorji Filooyid sagantaa sanarratti ‘‘Maamila koo du’aaf kansaaxile weerara koroonaavaayirasiidha jedhu, nama kana kan ajjeese garuu weerara jibba sanyii akka ta’e eenyu itti haa himu?’’ jechuun imimmaaniin guutamee dubbate.
Geggeessa kanarratti namoonni argaman hunduu ka’anii daqiiqaa 8’f sekondii 46’f akka dhaabbatanii callisaan kadhatan kan taasifame yoo ta’u, kunis poolisiin Joorjiin ajjeese Deereek hanga hafuurrisaa cittutti dheerina yeroo inni mormasarra itti jilbeenfate yaadachuufi jedhameera.
Seenaan jireenyaa Joorji falmataa mirgota namoomaa beekamaa Reev Al Shaarpan’n dubbifamee jira.
Al Shaarpan haasawa taasisaniin: ‘‘Guutuu Ameerikaa keessa kan jirtan obboloonni koo gurraachi, amma yeroon yeroo mormakoorraa jilba kee kaasi itti jennu dha’’ jedhaniiru.
Battalli dhumaa Joorji Filooyid lubbuun turuuf falmii itti taasise viidiyoodhaan erga miidiyaa hawaasaarra ba’ee boda, mormiiwwan magaalota Ameerikaa hedduu raasaa turan. Covid-19’s ta’e dhorkiin sa’aa darbaa mormiiwwan kunneen qabbaneessuu hin dandeenye.
Kun akkaumaan osoo jiruu, poolisoonni sadeen Joorji wayita ajjeefamu omaa hin goone jedhaman mana murtii dhiyeenya bakka sagantan geggeessaa taasifamutti himatamanii abbaa murtii dura turan.
Doolaara miiliyoona tokko dhiyeessinaan mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf yookaan ammoo meeshaa waraanaa yoo hiikkataniifi haal-dureewwan biroo yoo guutan doolaara kuma 750’tti akka gadi buuuf itti himamee jira.
Morma Joorjirra dhaabbachuun lubbuun akka darbu taasiseera kan jedhame Deereek Chooviin, Wiixata dhufu mana murtii dhiyaata jedhamee eegama.
Sagantaa geggeessaa kanarratti maatii Joorji dabalatee, falmatan mirga namoomaa Jeesee Liwiis Jaaksan, bulchaan Miinesootaa Tiim Waaz, kantiibaan Miniyaapooliis Jaakoob Fireey fi kan biroon argamaniiru.
Obboleessi isaa Filoonaayiz Filooyid haalli guddina isaanii akkam akka ture haasawa taasiseen yaadachiiseera.
‘‘Harka qalleeyyii ta’uu keenyarraan kan ka’e, huccuu keenya harkaan miiccinee ho’a abiddaatiin gogsina ture,’’ jechuun haasaa imimmaaniin guutame kan godhe. Obboleessikoo jireenyisaa osoo hin ho’in du’a booda akkas midhaaguun nama dhibas jedhe.
Al Shaarpan, falmataan mirga namoomaa gamasaatiin, du’aatii Joorjiif kan itti gaafatamu jiraachuu qaba jechuun akeekkachiiseera.
Sirni haqaa hanga sirraatee wal-qixxummaan sirriitti mul’atutti mormiin akka itti fufus eeree jira.
"Lubbuun Joorji lubbuu gurraachota hundaa bakka bu’a, jireenyi isaas duuti isaas jiruufi du’a gurraachota hundaati’’ jedheera.
"Wanti isarra ga’e kanuma hunda keenyarra ga’a jiru dha. Barnootaan, fayyaadhaan, haqa dhabuun kan miidhame Joorji qofa miti. Jireenya keenyasi. Amma yeroon, yaa adii nana jilbakee mormakoorraa kaasi yeroo itti jennu dha.’’ Jechuuni kan dubbate.
Sirni geggeessaa Joorjiif taasifamu, Sanbata Xiqqaa bakka dhalootasaa Kaaba Kaarolaayinaatti, bakka guddinasaa Hiiwustanitti ammoo Wiixata kan itti fufu ta’a.