Fedhiin abaaboo Itoophiyaa gabaa Awurooppaatti deebii’e ka’aa jira

Biyyoota Awuroppaa weerarri Covid-19 keessatti hammaa ture yeroo ammaa hirrataa dhufuusaatiin walqabatee fedhiin abaaboo Itoophiyaa deebii’ee ka’aa jiraachuun himame.

Chaayinaatti aansee biyyoonni Awurooppaa lammileen isaanii kuma hedduun lakkaa’aman vaayirasichaan waan qabamaniif sochiifi daldalarratti danqaa uumee ture.

Biyyoonni tokko tokkoos amma jijjiramni mul’ataa waan jiruuf yaalii gara jireenya idileetti deebii’uuf taasisaa jiran keessatti omisha abaaboo Itoophiyaatiif fedhiin fooyya’aa dhuufuun himame.

Gabaan abaabboo sababii koronaavaayirasitiin Awuroppaa keessatti qabbanaa’ee ture amma fedhii gaariin jiraachusaa kan dubbatan Daarektarri olaanaan Waldaa Omishitootaafi Ergitoota Abaaboo, Kuduraafi Muduraa Itoophiyaa Obbo Tewediroos Zawudeeti.

Daarektarichi akka jedhaniitti, haalli ugguraa ture salphataa dhufusaatiin wal qabatee, fedhiin abaabboo Itoophiyaa gabaawwan Awuroppaarratti deebiyee ka’aa jira.

Kanumaan walqabatees, haala gabaafi gatiidhaanis daballi jiraachu isaa BBC’tti himan.

Baatii Bitooteessaati kaasee haala naasisaa ta’een gabaafi gatiin abaaboo gadi bu'ee akka ture kan dubbatan Obbo Tewediroos, baatii Caamsaa kanatti garuu fedhiifi gatiin fooyya’aa jiraachu isaa himan.

Keessattuu, omisha abaabboo Itoophiyaatiif gabaa olaanaadha kan jedhaman biyyooonni akka Jarmaniifi Siwiizarlaandi fa’i daangaawwan isaanii saaqusaaniifi uggura sochii laaffisuun isaanii gabaan abaaboo akka ka’uuf sababii ta’u eeraniiru.

Tarkaanfiiwwan biyyoonni kunneen fudhataniin alattis ‘‘kabaja guyyaa haadhooliitiin walqabatee gabaarratti kaka’umsa uumeera’’ jechuun BBC’tti himaniiru.

Jijjiramawwan abdii qabeessa amma jiraniin alatti biyyoonni kaanis yoo daangaawwan isaanii saaqaniifi uggurawwan kaa’an kaasaniitti fedhiin abaabboo kan dabalu ta’uu amantaa akka qaban himaniiru.

Sababii koronaavaayirasitiin walqabatees damee misooma abaabboo irra miidhaa akka hingeenyeef jecha mootummaan gama liiqaa, gumuruukaafi dhimmoota biraarratti gaaffiiwwan dhiyeessaniif deebii ariifataa kennuun deeggarsa taasisaaf akka ture himaniiru.

Obbo Tewediros akka jedhaniitti, baatiiwwan darban keessa omishitoonni qormaanni mudate salphaa hinturre. Haata’u malee, sababii kanaan hojjattoonni misooma abaabboo hir'isne akka hinjirree himan.

Wayita ammaattis fedhiin omishichaa foyya’aa waan dhufeef qonnaawwan abaabboo gutummaan guutuutti gara hojii idileetti deebii’aa jiraachusaanii Obbo Tewediroos dubbataniiru.