Paakistaan: Namichi shamarran ajjeefaman osoo dhungatuu viidiyoo of waraabe to'atame

Paakistaanitti namni ijoollee durbaa lama osoo dhungatuu viidiyoo of waraabee gadhiisuun ajjeefamuu isaaniitiif sababa ta'e to'atamuu poolisiin beeksise.

Paakistaaniifi biyyoota Baha Giddu-galeessaa keessatti ijoolleen durbaa "safuu cabsuun kabaja gosaa (hawaasaa) hir'isaniiru, maatii salphisaniiru" jedhamuun yakkaman murtee "ajjeechaa kabajaa" [honour killing] jedhamuun miseensa maatii isaaniitiin ajjeefamu.

Ijoolleen durbaa kunneen miseensa maatii isaaniitiin itti dhukaafamee ajjeefaman.

Poolisiin ibsa baaseen namni Umar Ayaaz jedhamu umuriin isaa ganna 28 ta'e yakka viidiyoo sana qopheessuun to'annaa jala oolcheera. Namni biraa viidyoo sana waraabaa tureefi miidiyaalee hawaasummaa irratti qoodes to'atameera.

Dabalataan, shamarran ajjeefaman keessaa abbaafi firoonni biroon sadii ajjeechaa sana gabaasuu dhabuufi odeeffannoo dhorksuudhaan to'annaa jala oolfamaniiru.

Ajjeechaa sana kan raawwate Mohaammad Islaam barbaadamaa akka jiru Poolisiin beeksiseera.

Ijoolleen durbaa umuriin isaanii qaggaa 16fi 18 ta'an kunneen dhala obbolaa lamaanii kan turan yoo ta'u ajjechaan kun kan isaanirratti raawatame torban darbe magaalaa daangaa Paakistaanirratti argamtu, Shaam Pileeyin jedhamtu keessatti.

Itti-gaafatamaan poolisiin naannoo sanaa Shaafulaah Gaandapuur Roohitarsitti akka himanitti waa'ee ajjeechaa turee kan dhaga'an miidiyaa hawaasummaarraati.

Aanga'oonni bakka ajjeechaan itti gaggeefame sanatti argamuun qorannoo taasisaniin, "dhiigaafi uffata dhiigni tuqe," arganiiru.

Ajjeechaan sun kan rawwatameefis, ijoolleen durbaa kunneen viidiyoo dhiira tokko waliin ta'uu isaanii agarsiisu miidiyaa hawaasummaa irratti bahuu isaatiin walqabateeti jedhameera.

BBCn viidiyoo jedhame kana akka ilaaletti ijoolleen durbaa sadii bakka namni biraa hin jirretti dhiira tokkotti viidiyoo waraabamaa osoo jiranii agarsiisa.

Viidiyoon kun kan waraabame waggaa darbe yoo ta'u, dhiyeenya miidiyaa hawaasummaarratti erga baheen boodadha ijoo dubbii ta'ee kan namoonni baayyee wal harkaa fuudhanii odeessan.

Intalli sadaffaan hin ajjeefamiin hafte ammoo haadha warraa isa warra kaan ajjeeseedha jedhameera. Yeroo ammaa kanattis dhokattee akka jirtu ibsameera. Poolisiin lubbuun kan ishees yaaddoo keessa waan jiruuf akka barbaadaa jiru beeksiseera.

Dhaabbanni mirgoota namoomaaf falmu Huumaan Raayitis Waach Paakistaan keessatti ajjeechaan ijoollee durbaafi dubartootarra gahaa jiru sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhe.

Warreen mirgoota namoomaaf dhaabbatan gocha "ajjeechaa kabajaa" jedhamu kanaan Paakistaan keessatti waggaa waggaan dubartoonni 1,000 akka ajjeefaman dubbatu.

Ajjeechaawwan hedduu kan hin gabaafamne yoo ta'u, waggoota afuriin duras dubartiin miidiyaa hawaasumaarratti baayyee beekamtuu ture Kuwaandiil Baaloosh ajjeefamuun mormii cimaa kaasisee ture.

"Ajjeechaan Kabajaa" maalidhaa?

'Ajjeechaa kabajaa' jechuun dubartoota kabaja maatii hir'isaniiru jedhaman yaadamanirratti miseensa maatiidhaan ajjeechaa raawwatamudha.

Sababawwan ijoo 'ajjeechaa kabajaa' jedhamu kanaaf ka'umsa ta'u jedhan warren mirgoota namoomaaf falmaniifi Huumaan Raayitis Waacha walitti qabe keessaa:

Nama maatiin isaaniif filetti heerumuu yoo didan

Dirqamaan gudeedamuu ykn miidhaan sababa saal-qunnamtii yoo isaanirratti raawwate

Gaa'elaan alatti hariiroo saal-qunnamtii nama biroo waliin qabu jedhamee yoo yaadame

Kana malees, sababiiwwan baayyee funaansa ta'an barbaaduun kan akka 'uffata hin malle uffachuu' ykn amala hin taane agarsiisuun ajajamuu didan yoo jedhan ajjeechaan dubartoota irratti raawwatamuu danda'a.