Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ambaasaaddarri Maaltaa Angelaa Merkeliin Hiitilaritti fakkeessan aangoo gadhiisan
Filaandiitti Ambaasaadarri Maaltaa erga Chaansilara Jarman Angeellaa Merkeeliin abbaa hirree Adolfi Hitilar waliin wal fakkeesseenii booda aangoo gadhiisuu, midiyaalee biyya keessaa gabaasan.
Ambaasadar Mikaa’el Zaamiit Taabonaa fuula feessbuukii isaa irratti ergaa Angeellaafi Hitilariin wal fakkeessuu maxxansse jedhame.
Bareeffama ergaa isaatinis, ‘‘Waggoota torbaatamii shan dura Hitilariin dhaabneerra. Amma ammoo eenyuutu Angeelaa Merkeeliin dhaabaa laataa? Isheenis abjuu Hitilar fiixaan baafte jirti! Awuurrooppaa ta’ochuudhaan,’’ kan jedhu ture.
Maxxansi sunis ergasiin booda haqameera.
Ministirri Dhimma Alaa Maaltaa Evariist Baartoloo, Jarman dhiifama dhiifama gaafanne nu fudhatti jechuusaa gaazeexaan Maaltaa ‘Times’ jedhamu gabaaseera. .
Mr Baartoloon gaazexeechatti akka himaniitti, battaluma dhubbiichi isaan bira gaheen ambaasaadarichi yaada maxxansee akka haquuf isatu itti hime.
Mr Zaamiit Taaboonaa bara 2014 keessa Filaandiitti Ambaasaadar Maaltaa ta’uun kan muudamees, dhimmicha irratti yaada omayyu hinkenniine.
Innis mudama siyaasaatiin malee oggummaa dippilomaatummaan kan mudame miti jedhame.