Itoophiyaatti namoota 16 irratti Covid-19 argame, namni tokko du'e

Itoophiyaatti sa'aatii 24 darban namoota 2,383 qorataman keessaa namootni 16 Covid-19'n qabamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Namoota vaayirasaichaan qabamuun mirkanaa'e kana keessaa lama seenaa imalaa kan qaban yoo ta'u, 13 namoota vaayirasichaan qabamuun dursee mirkanaawe waliin kanneen hariiroo qabaniidha.
Namni tokko garuu seenaa imalaas ta'e nama dhukkubsate waliin hariiroo kan hin qabneedha.
Kanneen qabaman kun torba dhiira, 9 ammoo dubartoota. Umuriin isaaniis 20-60 gidduutti argama.
Bakki jireenyaa namoota haaraa qabaman kanaas ibsamee jira. 13 Kanneen Finfinnee jiraataniidha. Namootni lamaa Naannoo Uummatootaa Kibbaatti Walaayittaa Sooddoofi Butaajiraa jiraatu. Namni kan biraan tokko ammoo Naannoo Amaaraa bakka adda of baasanii turuuf magaalaa Waldiyaatti qophaaye keessaati.
Gama kaaniin maanguddoon waggaa 65 saalaan dhiira ta'aniifi magaalaa Finfinnee jiraatan waldhaansa addaa argachaa erga turanii booda lubbuun isaanii darbuus Ministeerichi ibseera. Kanaanis lakkoofsi namoota du'anii 5 gaheera.
Namootni dabalataa lama Finfinneetti dhibee kanarraa bayyanachuun lakkoofsi waliigalaa namoota bayyanatanii 97 akka gahu godheera.
Walumaagalatti Itoophiyaa keessatti lakkofsi namoota Covid 19'n qabamanii 210 gaheera.














