Biyyoonni boba'aa omishan 'waliigaltee seenaa keessatti adda' jedhamerra gahan

Waliigalteen kun seenaa keessatti isa ol-aanaadha jedhameera

Madda suuraa, TASS / GETTY IMAGES

Sababii weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'e fedhiin omisha boba'aa uumamaa qaqabbanaa'eera.

Kanarraa ka'uun, gamtaan biyyoota boba'aa uumamaa omishan (OPEC) fi biyyoonni michoota isaanii ta'an akka omishni boba'aa deebiyee fooyya'uuf, waliigaltee seenaa keessatti addadha jedhameerra gahaniiru.

Waliigalteen kun omisha boba'aa addunyaa harka dhibba keessaa 10 hir'isuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Gamtaan biyyoota boba'aa omishanii (OPEC) fi michoonni isaanii Dilbata darbe viidiyoodhaan kora kan taa'an yoo ta'u, waliigalteen isaan irra gahan kun seenaa isaanii keessatti omisha boba'aa guddisanii hir'isuu keessatti isa jalqabaati jedhameera.

Biyyonni kunneen waliigaltee kanarra dursanii gahanillee Meksiikoon osoo hin deggariin turteetti.

Haata'u malee, gahee Meksiikoon hir'isuu qabdu Ameerikaan ani nan hir'isaaf waan jetteef waliigaltee sana mallatteessiteetti.

Waliigalteen kun yeroo hojiirra oolutti guyyaatti boba'aan barmeeliin miliyoona 10 osoo hin omishamiin oola jechuudha.

Waliigalteen kun seena qabeessa kan jedhameef omisha boba'aa guddaa hir'isuuf waliigaluu qofaaf miti, biyyoonni waliigaltee kana irratti argaman baayyachuu isaatiif jedhameera.

Biyyoota gamtaa omishoota boba'aa (OPECfi michoota isaanii qofaa osoo hin taane) biyyoonni akka Noorwey, Ameerikaa, Biraaziliifi Kanaadaa dabalatee kan mallatteessan ta'uu isaati.

Waliigalteen omisha hir'isuu kan turuu danda'eef Saa'ud Arabiyaafi Raashiyaan wal-morkii keessa waan galaniif jedhameera.

Akka waliigaltee kanaatti Caamsaa 1 irraa kaaseebiyyoonni kunneen omisha boba'aa harka dhibba keessaa 10 hir;isu.

Kana jechuun ammoo guyyaatti barmeela miliyoona 10 jechuudha. Ameerikaa, Kanaadaa, Noorwey akkasumas Biraazil omisha bob'aaisaaniirraa kan biraa dabalata barmeela miliyoona 5 omisha guyyaa isaaniirraa ni hir'isu jedhameera.

Gara ji'a Hagayyaatti yeroo siqaa dhufan ammoo omisha isaanii dhawaataan dabalaa deemuun guyyaatti barmeela miliyoona 10 hir'isuurraa gara guyyaatti barmeela miliyoona 8 hir'isuutti xiqqeessu.

Ji'a tokko dura gatiin boba'aa barmeela tokkoo seenaa waggaa 18 keessatti gadi aanaadha kan jedhameen baayyisee gadi bu'ee ture.