Koronaavaayirasii: Addunyaan 'haala hin baramneen' ayyaana Faasikaa kabajataa jirti

Ayyaanni Faasikaa guutuu addunyaatti kabajamaa jira. Haa ta'u malee biyyoonni hedduun sochii ugguranii waan jiraniif namoonni haala amma dura hin baramneen kabajataa jiru.

Abbootiin amantaa hedduun manneen amantaa namoonni keessa hin jirre keessatti, kaameraa fuuldura dhaabatanii lallabu, hordoftoonni isaanii ammoo mana taa'anii intarneetiin isaan daawwatu.

Biyyoota kaan keessatti ammoo iyya koronaavaayirasii to'achuuf taasifamaa jiru cinaatti dhiisuun akkuma kanaan dura wal gahanii kan kabajatanis jiru.

Suuraaleen hundi mirga abbeentaa qabu.