Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababa koroonaavaayrasiin oomishni qorichoota sobaa daran dabalaa jira
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa qorichi sobaa koronaavaayirasii fayyisa jedhamuun biyyoota guddatan keessatti gurguramaa jira jechuun akeekkachiise.
BBC'n qorannoo gaggeesseen qorichi sobaa Afrikaa keessatti akka gurguramaa jiru bira gaheera.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa qorichooti kun ''rakkoo biraaf nama saaxiluu,'' jedheera.
Ogeessi tokko immoo,''kuni weerara moggaatti adeemaa jiru dha, oomishooti kunneen kan ga'umsi isaanii hin mirkanoofneefi sirrii kan hin taane dha,'' jedhu.
Addunyaarratti namoonni qorichoota bu'uuraa bitanii keewwachaa jiru. Haa tahu malee dhiyeessitoonni galtee qorichaa lamaan, Chaayinaafi Hindiin cuufamanii waan jiraniif fedhiin qorichaa dabaluun, kan fakkeessamee hojjetamu gara malee dabalaa jira.
Baatii darbe Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa koroonaavaayirasii weerara adduyaa jedhee erga labseen booda gareen Intarpool yakka qorichaa waliin wal qabatu qoratu biyyoota 90 keessatti namoota 121 to'annoo jala oolcheera. Kanaanis doolaara miiliyoona 11 tahu sassaabeera.
Barreessaan olaanaa Intarpool Jeneraal Jaargan Istook meeshaaleen fayyaa fi qorichooti fakkeeffamanii hojjetaman kunneen lubbuu namaaf gatii kan hin kenninee dha jedhaniiru.
Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti qorichi fakkeeffamee hojjetame kun kan qulqullina isaa hin eegne, kan qabiyyee barbaachisu of keessaa hin qabneefi yeroo waliin hin deemne dha.
Kunis biyyoota galii gidduugalaa qaban keessatti hanga biiliyoona 30 baasaa jira jedha.
Dhaabbaticha keessatti dhimma dawaa sobaa irratti kan hojjetan Peeriiniit Boordiiliyoon Istiiv qorichooti kunneen dhukkuba yaadame fayyisuurra dhukkuba biraaf ni saaxiluu dabalataan immoo summaa'oo tahuu malu jedhan.
Indaastiriin qorichaa addunyaa doolaara tiriiliyoona kan baasu yoo tahu, cancalli dhiyeessii isaa immoo oomishtoota ijoo Chaayinaa fi Hindiirraa ka'ee, biyyoota qorichoota kana saamsan kanneen akka Awurooppaa, Ameerikaa Kibbaa fi Eeshiyaa hanga raabsistoota biyyoota addunyaa maratti erganii dabalata.
Istiiv, ''waanti akka qorichaa addunyaatti raabsamu hin jiru,'' jedhu. Haa tahu malee addunyaan karra cufannaan cancalli kun ciccituutti ka'e.
Hindiin humna oomishtuun harka 50 qofan oomishaa jira jetteetti. Oomisha ishee keessaa harka 20 Afrikaatti ergiti ture.
Zaambiyaa Lusaakaattis hojjetaan dukkaana qorichaa Efireem Fiirii qorichi harkaa qaqala'achaa akka jirrufi bakka buusaa akka hin jirre dubbata.
Keesumaa qorichoota antiibaayotikii fi farra busaa argachuun baayyee rakkisaa taheera jedha.
Dawaa sobaa
Faarmaasistoonni fi kaampaaniiwwan dhiyeessi qorichaa addunyaa dhiyeessi qorichi farraa busaa baayyee hir'isee jedhan.
Erga Doonaald Tiraamp qoricha kiloorookiin jedhamu kan dhukkuba busaaf kennamu maqaa dhaheen asitti fedhiin qorichihchaaf jiru baayyee dabale jedhan.
Dhaabbti Fayyaa Adduyaa garuu irra deddeebiin qorichi busaa koroonaavaayirasii irraa akka nama hin fayyisne dubbateera.
Fedhiin qoricha kanaa dabaluunsi dawwaan isa fakkeefamuun hojjetamu akka baay'atu taasisee. Kunis baay'inaan Democratic Republic of Congo, Kaameeruuniifi Niijeer keessatti argameera.
Qorichi farra busaa kiloorookiniin kun duraan doolaara 40 gurguramu amma doolaara 250 taheera Democratic Republic of Congo keessatti
Qorichi sobaa akkanatti gurguramu kun Beeljiyeem keessatti dhaabbata qoricha oomishu, ''Biraawun fi Biraak oomisha haa jedhamuyyuu malee dhaabbatichi nuti kana hin oomishnu, kuni soba jedheera.
Yunivarsiitii Oksfoorditti ogeess dawaa sobaa kan tahan Pool Niiwtan qorichi sobaa akkanatti rabsamaa jiru kun moggaatti weerara biraa nutti fida kunimmoo booda bu'aa qoricha ammayyaa irraa argannu nu dhabsiisa jedhan.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras