Koronaavaayiras: Taphattoonni Juventuus ji'oota itti aananiif miindaa isaanii akka hin fudhanne murteessan

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonniifi leenjistoonni kilaba Juuventuus ji'oota walitti aananii dhufaniif miindaa isaanii fudhachuu akka hin barbaadne beeksisan.
Kilabiin biyya Xaaliyaan kun kan kana murteesse sababa koronaavaayirasiin kilaba isaaniirraan dhiibaa geessiseef.
Taphattoonni garee kilaba Juuventuusiifi leenjisaan isaanii Mowuriiziyoo Saariin ji'a kana irraa jalqabuun ji'oota afran dhufaniif miindaa isaanii fudhachuu dhaabuudhaan kilabni isaanii Yuuroo miliyoona 90 akka oolfatuuf waliigalaniiru.
Weerara koronaavaayirasiitiin cimaa kan miidhamte Xaaliyaan dorgommiiwwan ispoortii hundumtuu hanga baatii Eblaa jalqabaatti akka hin gaggeeffamneef dhorkiteetti.
Kilabiin kubbaa miilaa Juuventuus taphattoota akka addunyaatti maallaqni guddaan kaffalamuuf kan akka taphataa lammii Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoofi taphataa warra Weelsi kan ta'e Haroon Raamsee kan qabatedha.
Taphattoonni garee kanaafi leenjisaan isaanii miindaa isaanii kan Bitootessaa, Caamsaa, Waxabajjii kilaba isaaniitiif akka dhiisan ibsaniiru.
Kilabiin Kubbaa Miilaa Juuventuus taphoonni Seerii An osoo addaan hin citiin dura kilaba Laaziyoo qabxii tokkoon caalee dursaa ture.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'












