Koronaavaayiras: Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 21 gahe

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti namoonni COBID-19 qabaman sadii dabalataan Dilbata guyyaa adda baafamuufi guyyuma kana galgala lamas qabamuu isaanii mirkanaa'uu Ministirri Fayyaa beeksiise.
Kun ammoo lakkoofsi namoota Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabamanii 21 akka qaqqabu taasiseera.
Namoonni lamaan Dulbata galgala akka qabaman mirkanaa'e kunneen dhiira umuriin isaa ganna 38 ta'eefi dubartii umuriin ishee ganna 35 taate akka ta'an ibsameera.
Namoonni dhibee kanaan akka qabaman mirkanaa'e kun lamaan jiraattota magaalaa Finfinnee yoo ta'an, yeroo dhiyoo gara garaatti Dubaayitti deddeebiyaa akka turan ibsa Dr. Liyaan fuula Feesbuukii isaaniirratti baasaniin beekuun danda'ameera.Itoophiyaati lakkoofsi namoota Covid-19n qabamuun isaanii mirkanaa'e 21 qaqqabe
Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa koronaavaayirasii ilaalchisuun haala Itoophiyaa keessa jiru ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti baasaniin saatii 24 darban keessatti qorannoo gaggeessaniin kan adda baafatan.
Institiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophyiaa sa'aatii 24 darban keessa namoota 87 irratti qorannoo taasiseen namoota sadii irratti vaayirasiin argamuun isaa mirkanaa'eera.
Dhukkubsattuun jalqabaa lammii Itoophiyaa kan umuriinshee waggaa 26 ta'e yoo taatuu, A L I Bitooteessa 8 Biraaselsirraa dhuftee Bitooteessa 10, 2012 gara Kaameeruun kan imalte ta'uu barameera.
Isaan booda mallattoo dhukkubbii waan irratti argameef gara dhaabbata fayyaa deemuun qorannoo taasifteen dhaabbatichi Institiyuutii Fayyaa Hawaasaatiif gabaasuun barame.
Namoonni lamaan ammoo miseensa maatii tokkoo kan umuriin waggaa 14fi 48 ta'an yoo ta'u, nama kana dura magaalaa Adaamaatti vaayirasichi irratti argame waliin tutuqqaa qaban ta'uun isaanii ibsameera.
Namoonni kunneen mallattoon vaayirasichaa irratti mullachuu baatulleen, namoota kanan dura Adaamaarraa vaayirasiin irratti argame waliin waliitti dhiheenya waan qabaataa turaniif jecha adda baafamuun akka turan taasifamanii hordoffiin taasifamaafii ture.
Jarri kunis Bitooteessa A L I 19, 2012'ti qorannoo laaboraatorii taasifameefiin vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa'eera.
Dubbi himaan Ministeera Fayyaa Dr. Taganee Raggaasaa BBC'tti akka himanitti miseensonni lama maatii tokko kessaa koronaavaayirasiin qabaman kunneen miseensa maatii nama umuriin isaa ganna 61 ta'e kanaan dura guyyoota muraasa dura magaalaa Adaamaatti dhibee kanaan qabamuun isaa mirkanaa'eti.
Akka dubbi himaan itti dabaluun namani jalqaba Adaamaatti qabamuun isaa mirkanaa'e kun Faarmaasistii yoo ta'u namoonni isaafi maatii sana waliin walitti dhufeenya qabaatan hordofamaa jiru.
Namni umuriin waggaa 14 ta'e Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamuun hanga ammaatti umurii gadi aanaadha.
Dhibeen kun gara jalqabaa miidhaa inni daa'imman irratti qabu gadi aanaadha jedhamus, yeroo ammaa daangaa umurii osoo hin kaa'iin miidhaa jira.
Ameerikaatti dhalattuun reefuu sababa dhibee koronaavaayirasiin yeroo jalqabaa akka duutes dhaga'ameera. Dhalattuun Ameerikaa kun kutaa bulchiinsa Chikaagootti yeroo qoratamee turetti koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'uu isaa Daarektarri Fayyaa Hawaasaa Illiinooy Dr. Nigoozii Iziikeen dubbataniiru.
"Dhibee kanaan walqabatee hanga ammaatti du'aatiin nu hin mudanne ture. Sababii du'aatii daa'ima kanaas hubachuudhaaf qorannoon guutuun taasifamaa jira," jedhan doktarichi.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'














