Koronaavaayiras: Ruwaandaatti namoonni 17 guyyaa tokkotti Covid-19 irratti argame

Biyya Ruwaandaa gaafa Dilbataa eegalee tatamsa'ina koronaavaayirasii to'achuuf balbala cufatte keessatti lakkoofsi dhukkubsattootaa dachaan dabale.

Ministeerri Fayyaa Ruwaandaa akka beeksisetti namoonni 17 biroo irratti dhukkubni addunyaa yaaddesse koronaavaayirasiin irratti argameera. n

Lakkoofsi hammanaa guyyaa tokkotti yeroo galmaa'u biyyattiif kan jalqabaati.

Biyyattiitti yeroo ammaa namoomnni 36 qabamuu kan mirkaneessite yoo ta'u kuni biyyoota Afrikaa Bahaa keessaa isa olaanaadha.

Kanneen 17 qabaman keessaa tokko qofaadha kan biyya keessatti qabame.

Sagal kan ta'an Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) irraa, sadii Keeniyaa, lama Ameerikaa akkasumas tokko Kuwaataar irraa akka ta'e Ministeerri Fayyaa biyyattii himeera.

Ruwaandaan gaafa Dilbataa eegalee balbala cufatteetti. Biyyoota Sahaaraa gadii keessaa biyyi jalqabaa kana murteessites Ruwaandaadha.

Baha Afrikaa keessatti Keeniyaa, Tanzaaniyaa, Yugaandaafi Itoophiyaan namoonni dhukkuba koronaavaayirasiin qabaman akka jiran mirkaneessaiiru.

Hanga yoonaa kan hin gabaasne Burundiifi Sudaan Kibbaa qofaadha.