Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Walitti bu'insa mana hidhaa Kolombiyaatiin namoonni 23 du'an
Mana hidhaa Bogotaa Kolombiyaa keessattii yaaddoo koronaavaayirasiin yaalii miliquuf taasifameen yoo xiqqaate namootni 23 du'uu isaani angaa'oonni himaniiru.
Ministeerri haqaa Kolombiyaa Margaritaa Kabelloo jeequmsaa Mana hidhaa La Modeloo keessatti ka'een hidhamtoonni 83 miidhamniiru jedhu.
Namootni manneen hidhaa biyyatti keessa jiran Dilbata irratti yeroo weerara koronaavaayirasitti rakkoo namootni bayyachuufi tajaajila fayyaa gad anaa ta'e irratti mormii dhageessisaniiru.
Ministirri haqaa biyyatti dhimmicha qorachaa jira.
Hidhamtoonni 32 fi eegdoti torba hospiitalatti yaalama jiraachuu isaani Aadde Kabelloo himaniiru. Eegdoti lama ammo haala yaaddeessa keessa jiru.
Jeequmsii uumame kun kan dursa karoorfame ta'uufi manneen hidhaa biyyatti 13 biroo keessattis jequmsi akkanaa ka'uu isaa dubbataniiru.Yeroo yaaddoo weerara koronaavayirasii kanaatti himannaa rakkoon qulqullinaa jira jedhu haaluun " Rakkoon qulqullinaa karoorafi jeequmsa kanaaf sababa ta'u kamuu hin jiru," jedhaniiru.
"Hidhamtoota keessas ta'e eegdootaafi hojjeetoota bulchiinsaa keessaa nimbi koroonaavaayirasiin qabame tokkollee hin jiru."
Hidhamtoonni jeequmsaa eegalanii, isaan keessa tokko tokkoo yaalii ajjeechaafi qabeenya barbaadeessuun himannaan irratti ni banama jedhaniiru.
Maatiin hedduun mana hidhaa La Modeeloo fulduratti walitti qabamuun haala maatii isaani irratti oduu eeggachaa jiru. Yeroo humnootiin nageenya mana hidhaa ga'anitti sagalee dhukaasaa dhaga'uu isaaniis ni dubbatu.
Vidiyoon midiyaalee hawasummaa gubbaatti maxxanfame yeroo hidhamtoonni firaashii isaani guban agarsiisa.
Akkata gabaasa ministira haqaan manneen hidhaa biyyatti 132 ta'an dandeetti namoota 81,000 qabachuu kan qaban ta'us kan amma keessa jiru hidhamtoota 121,000 ol ta'anidha.
Hanga ammaatti Kolombiyaa keessatti namootni 231 koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u namootni lama ammo du'aniiru.
Kibxata irraa eegaluun guyyoota 19f guutummaan biyyatti ni cuufama jedhamee eegama. Humnoota nageenya, hojjeetoota fayyaa, manneen qorichaafi hojjeetoota suparmarkeetiin alatti sochiin jiraattoota ni daangeeffama.
Hanga dhuma Caamsaatti namootni ganna 70 ol ta'an mana keessa akka turaniif itti himameera.
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'