Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanaa Kofaleetti cabbiifi bakakkaan miidhaa geessise
Dilbata Bitootessa 12,2012 Godina Arsii Lixaa aanaa Kofaleetti roobni cimaan waaree booda roobe kan ammaan dura roobee hin beeknedha jedhu Itti-gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Kofalee Obbo Abdulqaadir Guyyee.
Gara galgalaa sa'aatii 11 irraa roobuu kan jalqabeefi sa'aatii tokkoof cabbii qofatu roobaa ture jedhan.
Gandoota aanaa Kofalee sadii kan uwwise yoo ta'u, aanichatti misoomni jallisii mosee baayinaan kan omishamaa jiru waan ta'eef cabbiin kun miidhaa cimaa akka irraan gahes himu.
Bal'ina omisha miidhamees koreen hundaa'ee hojiin qulqulleessuu hojjetamaa jira jedhan.
Cabbiin karaarratti tuulamuun daandii guddaa aanicha qaxxaamuru waan cufeef sa'aatiiwwan muraasaaf tajaajilli geejjibaa gufatee turuus eeran.
Rooba kana keessa bakakkaa bu'eenis daa'imni waggaa 14 ta'u lubbuun kan darbeefi nama tokkorrammoo miidhaan qaamaa gahee hospitaala seenuus himan.
Akka kan kaleessaa sana gahuu baatus naannoo sanatti bokkaan akkanaa torbee darbes roobee turuu himan.
Buufatni raaga qilleensaa magaala Kofalee jiraachuu kan eeran Obbo Abdulqaadir bokkaan cimaan akkanaa akka dhufu raagni mul'ise akka hin turres himan
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'