Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ugaandaatti bakakkaan barattoota sadii galaafate
Kaaba-dhiha Ugaandaatti kan argamtu naannoo Yumbee keessa barattoonni sadii bakakkaan irra bu'ee lubbuu dhaban.
Dubbi himtuun Waldaa Fannoo Diimaa Ugaandaa Ayiriin Naakaasiitaa waan jedhan, barattoonni ganniisaanii 9 hanga 10 ta'an bakakkaan Mana Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Mungooyoo jedhamutti erga bu'ee booda lubbuu dhabuusaanii mirkaneessaniiru.
Kunis kan tahe gaafa Roobiiti.
Ijoolleen balaa kanaan miidhaman walumaagalatti 75 kan ta'an wayita ta'u, 53 kan ta'an hospitaalatti yaalamanii gara manaa deebi'aniiru.
Roobni cimaan gidduu kana Ugaandaatti roobaa jiru, manneen barbadeessuun lubbuu lamas galaafateera.
Abbaan Taayitaa Meetirooloojii Biyyaaleessaa Ugaandaa, roobni cimaa, bakakkaa fi qaqawweessi ni hedduumaata jedhee akeekkachiisee ture.