Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Tolaa Bariisoo (PhD) qorannoo taasifameen COVID-19 irraa bilisa tahan
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Tolaa Bariisoo (PhD) sodaa Koroonaavaayirasiirraa kanaan dura kophaatti adda of baasanii turan qorannoo taasifameefiin dhibee kanarraa bilisa ta'uu BBCtti himaniiru.
Bu'aan qorannoo bilisa ta'us yeroo addatti tursiifamuu qaban guyyoota 14 xumuruu waan barbaachisuuf guyyoota lamaan dhufan addatti tursiifamuu xumuruun hojii idileetti nan deebi'a jedhan.
Erga BBC'n addatti bahee tursiifamuukoo gabaasee hawwii gaariifi jaalala ummanni biyya keessaafi alaa naaf qoodaa tureef hedduun galateefadhas jedhan.
Jaalalliifi hawwii gaariin ummannikoo naaf hawwe milkaa'ee bilisa ta'uukootti gammadeera kan jedhan Dr. Tolaan, taateen kun sabakoo kutannoo caaluun akkan tajaajiluufis hamilee natti uumeera jedhan
Lammiin Jaappaan Jimaataa darbe Koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaahe dhaabbata JICA kan barnootarratti hojjetu keessa waan hojjetuuf dhimma kanaaf walarganii isa waliin mari'achuu isaanii himanii ture Dr. Tolaan.
"Yeroo sanatti reefuu biyya alaatii waan dhufeef mallattoon dhukkubaa irratti hin mul'atu ture. Isa waliin namni lammii Itoophiyaa tokkos tureera. Dhimma barnootaa irratti isaan waliin walqunnameen ture," jedhan.
Namoota lammii Jaappaan kana waliin qunnamtii qabaniifi qorannaa taasisanii bilisa tahan keessaa 21 hojjettoota seektara barnootaa ta'uus himan Dr. Tolaan.
Namni Jaappaan kuni Godina Arsiitti manneen barnootaa lama daawwatee ture kan jedhan Dr. Tolaan namoonni bakka inni imale kanatti isa waliin walarganis adda baafamanii qofaatti hordofaamaa jiraachuu himan.
Erga nama kana waliin walarganii guyyootni kudhan lakkaahamuu kan himan Dr. Tolaan, addatti bahanii akka namaan wal hin qunnamne kan itti himame garuu Jimaata darbe ta'uus BBCtti himaniiru.
Guyyoota 14'f maatii isaaniis ta'e nama biraa waliin osoo wal hinargin mana jireenyaa isaanii keessatti kutaa addaa keessa akka turanis himan.
Shakkiidhaan alatti erga nama sana waliin walarganii guyyoota 10 darban mallattoon addaa akka isaan irratti hin mul'annellee dubbatanii turan Dr. Tolaan.
Nama jalqaba koronaavaayirasiin qabamuun isaa mirkanaa'e waliin walitti dhufeenya qabu jedhamanii namoota adda baafaman 113 keessaa 74 qoratamanii bilisa ta'uu Inistitituutiin Fayyaa Hawwaasaa Itoophiyaa ibsa har'a baaseen beeksiseera.
Kanneen hafan ammoo ammallee qofaatti akkuma adda baafamanitti bu'aa qorannoo isaanii eeggachaa jiru jedheera. Inistiitiyuutiin Fayyaa Haawaasaa Itoophiyaaa ibsa haaraa har'a baaseen Inistitiyuutichi.
Walumaa galatti namoonni 994 ta'an warren COVID-19 akka qaban mirkanaa'e shan waliin walitti dhufeenya qabu jedhaman adda baafamanii hordofamaa jiru jedha ibsi Inistitiyutichaa.
Akka ibsa Inistitiyutichaatti har'a namni haaraan kornaavaayirasiin qabame hin jiru.
Inistiityuutichi koronaavaayiras maalirra akka jiru ilaalchisee ibsa baaseen, namoonni 1,285 ammoo guyyoota 14f hordoffii taasifameen fayyummaan isaanii mirkanaa'era jedhame.
Namoonni shanan qabamanis yeroo ammaa bifa addaan yaalli godhamaafii kan jiru yoo ta'u, haala gaarirratti argamu jedheeraa.
- Biyyoonni Awurooppaa koronaavaayiras ittisuuf dhorkaawwan jajjaboo kaa'aa jiru
- Bu'aan qorannoo Pireezidant Tiraamp ifa godhame
- Namni jalqabaa Koronaavaayirasii qabame Itoophiyaa keessatti argame
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame