Doktorri duraanii Faransaay gudeeddii daa'immaniin shakkamanii mana murtii dhihaatan

Doktorri Faransaay soorama bahan daa'imman gudeeduufi xuxxuqqaa saalaa irraan gahuun himatamanii mana murtii dhihaatan.

Ogeessi duraanii baqaqsanii hodhuu 'Joël Le Scouarnec' jedhaman intala obbolessaa/obboleettii isaanii lamaan, ollaafi dhukkubsattuu irratti badii raawwachuun himatamani.

Abbootiin Alangaa bara 1989-2017 daa'imman 349 irratti rakkoo geessisuu hin dhabani jechuun shakku.

Ogeessi umurii 69 amma sooroma bahan kuni garuu xuxxuqqaa saalaa kana amananis gudeeddii garuu hin raawwanne jedhan.

Dhaddachi magaalaa Kibba Lixa Faransaay argamtu Seyintes jedhamutti eegale kuni jalqabbii salphina guddaa ta'u mala jedhameera.

Yoo balleessaan irraatti argame Obbo 'Scouarnec;' hanga waggaa 20 hidhaa bu'u danda'u.

Kanneen himata banan gaaffii waan dhiheessanif dhaddachi ummataaf banaa hin taane.

Obbo 'Scouarnec' bara 2017 erga intalli ollaa rakkoo narraan geessisan jedhan booda hidhamani.

Qorattoonni akka jedhanitti mana ogeessa duraanii kanaa yeroo sakatta'aan suuraa daa'imman rakkoo irraan geessisan akkasumas barruu waan isaan raawwatan irratti kataban argameera.