Koroonaavaayiras: Faalamni qilleensaa Chaayinaan qaqqabsiiftu xiqqaachaa dhufe suurri NASA agarsiise

Suuraawwan Saatelaayitiirraa argaman akka agarsiisanitti, faalama qilleensaa Chaayinaan qaqqabsiisaa jirtu tibbana hedduu hir'achaa dhufeera.

Kun ammoo sababii dhibee Koroonaavaayirasii irraa kan ka'e sochiin dinagdee biyyattii qabbanaa'uu isaatiin jedha dhaabbanni Ameerikaa, NASA'n.

NASA'n akka jedhutti, naayitiroojiin oksaayidiin akka hir'atuuf sababa dhibee Koroonaavaayirasiitiin sochiin dinagdee qabbanaa'uun faalama qilleensaa Chaayinaan qaqqabsiiftu xiqqaachaa dhufeera.

Akkuma suurri danaa/kaartaa Chaayinaa agarsiisutti, samiin biyyattii kan duraan ture caalaa qulqullaa'aa ta'ee mul'ateera.

Samiin Chaayinaa faalama qilleensaa irraa qulqullaa'aa dhufuun isaa warshaaleen biyyattii dhibee Koroonaavaayirasii ittisuuf jecha hojii isaanii dhaabuu isaaniirraa kan ka'eeni jedhameera.

Chaayinaa keessatti hanga har'aatti namoonni 80,000 Koroonaavaayirasiin qabamuun adda ba'aniiru.

Dhibeen kun hanga ammaatti biyyoota addunyaa 50 ol ta'anitti kan tatamsa'e yommuu ta'u, biyyi namoonni hedduun keessatti lubbuun darbe ammallee Chaayinaadhuma.

Akka saayintistoonni NASA jedhanitti faalamni qilleensaa sababa naayitiroojiin daay-oksaayidii motora konkolaataafi industiriiwwan keessaa ba'uun qaqqabu, jalqaba kan hir'achaa dhufe naannoo magaalaa Wuhaanitti ture. Sababiin isaa magaalaan kun Chaayinaa keessatti bakka dhibeen Koroonaavaayirasii jalqaba itti mul'ate waan ta'eefi sochiin akka qabbanaa'u ta'e.

Boodarra garuu gara guutummaa Chaayinaatti babal'ataa deeme.

NASAn faalama qilleensaa Chaayinaa kan bara 2019 baatii lamaan jalqabaa keessa ture kan bara kanaa lamaan waliin walbira qabuun dorgomsiise.

Akka ejensiin hawaa kun ibsetti, faalamni qilleensaa akka xiqqaachaa dhufuuf sababiin namoonni akka bakka tokkoo gara biraatti hin deemneef dhorkuudhaaf gejjibniifi hojiin adda addaa akka dhaabbatu taasifamuu isaati.

"Bakka bal'aa ta'eefi adda ba'ee beekamu irratti samiin qulqullaa'ee, faalamni qilleensaa haala ajaa'ibaatiin xiqqaatee argamuun isaa kun kan jalqabaati," jetti NASA'tti qorattuun faalama qilleensaa Fei Liu.

Bara 2008 keessa yeroo dinagdeen addunyaa kufee turetti faalamni qilleensaa xiqqaachuun isaa kan mul'atee ture yoo ta'u haala baayyee suutaan ture.

Kan amma Chaayinaatti mul'ate kun garuu saffisaan kan xiqqaachaa deemedha.

"Bara kana keessa faalamni qilleensaa hir'achuun kan durii caalaa haala saffisa qabuun yoo ta'u kan yeroo dheeraa turudhas," jette.

"Kun ta'uun isaa ana hin ajaa'ibu, sababiin isaa magaalonni biyyattii keessa jiran tatamsa'ina dhibee kanaa ittisuuf jecha tarkaanfii fudhataa jiru."