Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Ministiri Itti-aanaa Fayyaa Iraan Koronaavaayirasiin qabame
Iraanitti osoo weerara koronaavaayirasii namoota 15 galaafate to'aachuuf carraaqaa jiruu Ittaanaan Ministira Fayyaa biyyattii vaayirasichaan qabamee qofaatti baafamuu ibsite.
Dubbi Himaan Miniseera Fayyaa biyyattii akka mirkanneesseetti, Iraaj Harirchi vaayirasii Covid-19 tiin qabamunsaa baramee addatti baafamee akka turu taasifameera.
Pirezidaantiin biyyattii Haasaan Rohaanii ammoo ummanni akka hin naaneef gaafataniiru. "Vaayirasii kana keessaa ni baana," jedhan.
Qondaaltoonni biyyattii torban darbee akka himaniitti namoonni 95 vaayirasichaan qabamuun kan baramee yoo ta'u, lakkoofsi dhugaa kana caaluu akka danda'u amanama.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedheetti haalli mudannoo dhukkubichaa akka tasaatti biyyattii keessatti babalachuunsaa ''baayyee yaaddeessaadha.''
Daarektarri Ajjansii UN naannichaa gara Iraaniitti balalii'uuf Kibxata kan beelammatee ture yoo ta'u, amma imalasaa tursiiseera.
Ta'us garuu Dubbi Himaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka jedheetti ergama tekinikaa waliin imala gara Iraan taasisuuf guyyaa xumuraa jira.
Akkasumas meeshaalee wallansaa dabalataas guyyoota dhufan lamaafi sadii keessatti kan ergamu ta'uu himan.
Addunyaa guutuutti namoonni vaayirasii kanaan qabaman kuma 80 gahu kan gabaafame yoo ta'u, namoonni 2,700 du'unsaanii himameera. Namoonni du'un kunneenis irra caalaan isaanii Chaayinaatti.