Kizitoo Mihiigoo: Faarfataan Ruwaandaa hambaa duguggaa sanyii ture

Madda suuraa, Kizito Mihigo/Facebook
Faarfataan wangeelaa Ruwaandaa Kizitoo Mihigo yeroo tokkotti nama dandeetti addaa qabuufi ogeessa jedhamuun leellifamaa ture. Booda keessa ammoo biyyaa ganuun himatame.
Dhiheenya kanas erga to'annaa jala oolfameen guyyoota sadiin booda mana hidhaa keessatti umurii 38tti du'uun himame.
BBC'n tajaajila 'Great Lakes' waa'ee jireenya faarfataa kanaa qorate haala kanaan qindeesseera. Haala uffannaafi jireenya isaatiin baayyeen akka faarfataa qofa osoo hintaane akka lubaatti isa ilaalu ture.
Akkuma lubaattis nageenya biyyattiif lallabaa kan ture yoo ta'u, adeemsuma kanaan kan ka'eedha booda keessa mootummaa biyyattii waliin wal dhabdee keessa kan galche.
Jalqabarratti mootummaan simatamee ture. Qophiin konsartii faaruu isaas namoota waa'ee egeeree biyyattii hawwan kumaatanaan lakkaa'aman gammachiisa.
Garuu imalli isaa akka urjiitti ilaalamuu saffiisaan gara dhumaatti adeeme.
1981-2020
Fled genocidewhich killed his father and some relatives in 1994
Sent to Europeto continue his musical study in 2003
Controversial songThe Meaning of Death released in 2014
Sentencedto 10 years in 2015 for plotting against the government
Pardonedby the president in 2018
Arrestedfor trying to leave the country illegally in 2020

Faarfataan ogummaa muuziqaa qindeessuu abbaa isaarraa barate kunis waaqeeffannaa Kaatolikii keessatti beekamaadha.
Bara 1994 osoo mucaa waggaa 12 tahe garuu abbaan isaa fi miseensoonni maatiisaa kan biraa ajjeechaa duguggaa sanyii gaggeeffameen jalaa du'an.
Ajjeechaa biyyattiitti bara sana gaggeeffameen namonni kuma 800 kan sanyii Tutsii fi Huttuu muraasni mankaraarsitoota warra Huttuutiin ajjeefamanii ture.
Kizitoo gostisaa Tutsii ta'eefi haala sanaan baayyee miidhamee tures, ergaa faaruu isaa kan nageenya buusu taasifatee ture akkuma faarfannaa eegaleen.

Bara 1981 kan dhalatee Mihigo obbolaa isaa jaha keessaa ilma sadaffaa ture. Kan guddatees Kaaba biyyattii bakka Kibehoo jedhamuutti ture.
Achitti ijoollummaa siaatii qabee haala afuuraa keessatti guddate.
Boodas wayita ajjeechaan gaggeeffamuutti biyyaa ollaa kan taatee Buruundiitti baqachuun miseensoota maatiisaa lubbuun hafan waliin walitti makame.
Ergasiin booda ammoo sochiin riphee loltootaa gari caalaansaanii gosa Tutsii ta'aniifi kan pirezidaantii biyyatti ammaa Pool Kaagaameen ogganamu aangoo qabannaan gara biyyaatti deebii'e.
'Nama waan haaraa raawwate'
Karoorri isaa waraanatti makamuun ajjeestoota abbaa isaa haaloo bahuuf ture fiixaan hinbaaneef. Kanaafu osoo umurii waggaa 14 jiruu kaasee gama kennaasaa kan muziqaa itti cifate 'Karubanda Minor Seminary' shaakalu eegale.
"Inni nama kennaa addaa qabuu fi namootaafis gammachu kan qoodu ta'uun beeka. Muziiqaa qopheessuufi faarfachuun baayyee kennaa addaa qaba,'' jetti hiriyaansaa mana barnootaa Jeen de Sibomaanaa.
Waggaa lammaaffaa itti shaakalu eegalatte ture, Kizito warra umuriin isa dura jiran caalee xabataa meeshaa muziiqaa mummee kan ta'e ture.
Booda ammoo dandeettiin isaa kunis pirezidaanti Kaagaameedhaamu beekamtii argachuun badhaasa carraa abranootaa ' Conservatoire de Paris' akka baratuuf kennameef ture.

Hojii muziiqaa isaa biyya Awurooppaatti eegalulleen gonkumaa biyyasaa Ruwwandaa hinirraanfannee ture. Aanga'oota biyyattiin afeeramun illeen qophiiwwan gurguddarrattis pirezidaantii fuulduratti akka sirbuuf taasifamee ture.
Kizito akka nagaafi haaraara jajabeessuuf dhaabbata akka hundeessuuf giiftii duree Jaaneeti Kaagaamee harkaayis badhaasni kennameefii ture.
Dhaabbanni kuns bara 2013ti walakkaansaa motummaan deegarama ture.
Haa ta'u malee Kitito erga bara 2014 sirba 'Hiikkaa Du'aa' jedhu faaruu gadhiisee carraan isaa ni geedarame.
Kabaja wagggaa 20ffaa ajjeechaan wal qabatees, namoonni baayyeen faaruun isaa dhugaa hedduun fudhatan kan warraa Tutsii qofaatuu ajjeefamee jedhu kan faalleesse ta'u hubatan.

Hiikkaa Du'aa, 2014
Obbolaanaa fi obboolloottoon kunneenis, isaanis akkun kaanii ilmaan namaati
Isaaniif nan kadhadha. Nan isaan jajajabeessa. Isaanis nan yaadadha.
Duutii gonkumaa gaarii miti, dugguuggaa sanyiin ta'ee, ykn waraanaan, ykn haaluun ajjeefamanis.

Muziiqaa isaan kanaanis namoota tibba sanatti ajjeefaman hunda kan yaadatu ture.
Kunis akka ajjeechaa haaloo bahuu gosa Huttuu irratti oggansa Kaagaameetiin bara 1994 raawwatame muliseetti fudhatame.
Motummaan ajjeechaa sana kan raawwatan to'annaa jala oolfamuun adabamuufi kanneen ajjeefamanis kan tibba duguuggaa sanyii ajjeefamaniin wal biratti yoo ilaalamu baayyee xiqqaadha jedhee ture.

Madda suuraa, Kiziyo Mihigo/YouTube
Dhaabbanni Morgoota Namoommaa (HRW) ''aanga'oonni paartii siyaasaaa mormitootaa dararamuun, akka calisaniif qabamanii hidhaatti darbatamaa jiru,'' jedhee ture.
Haaluma walfakkaatuunis qeeqxoonni motummaa hedduun biyya keessaafi biyya alaatti baruuma dhihoo keessallleen ajjeefamniiru.
Motummaan garuu haala ajjeechaa akkasii keessaa harka qabaachu haalee jira.
Dhorkaa muziiqaa isaa
Ebla 7, 2014 tti Kizito dhabamuunsaa erga gabaafameen booda, guyyoota muraasaan booda poolisiin midiyaarratti dhiifama isa gaafate ture.
Inni sochiilee mormitootaa waliin ta'uun motummaa Ruwaandaa kufisuuf kaaroorseera jedhamuun himatame.
Isaan boodas muziqaansaaa raadiyoofi TV hundarratti akka hindabarree dhorkame.
Bara 2015tti ammo pirezidaantii ajjeessuufi motummaarratti wixineessuun himatamee hidhaa waggaa 10'f hidhaan itti murtaa'e. Fonqolcha motummaa karoorsuuf jedhamee ture.
I was told that I had to plead guilty. They said if I didn't plead guilty, they would kill me"

Kunis isatuu himannaa irratti dhiyaateef jechasa kenneen yakkamaa ta'uun adda baafamee jedhamuun dhiyaatee ture. Haa ta'u malee booda keessa inni akkas jedhee ture.
"Akkan akkas jedhee dubbadhu natti himame. Kana gochuu yoon baadhee ammoo si ajjeefna naan jedhan,'' jechuun roogeessa mirgoota namoomaa mormu tokkotti bara 2018 himee ture. Warabbiin haasaan bilbilaa nama kana waliin taasifamees gadhiifamee ture.

Booda bara 2018'tti pirezidaantichaan dhiifamni taasifameef hidhamtoota gara biraa 2,000 waaliin hidhaa gadhiifame.

Madda suuraa, Getty Images
Mana hidhaa keessatti du'ee argame
Guraadhala 13 ammoo Biiroon Qorannoo Ruwaandaa (RIB) karaa seeraan alaatiin biyyaa bahuuf osoo deemu qabamee hidhaa jiraachu ibsee ture.
Guyyaa afuriin booda ammoo kutaa itti hidhame keessatti ofi fanneesee du'ee argame jedhee Biirichi.
Haa ta'u malee dhaabbilee mirga namoomaafi rooggeeyyoon Ruwaandaa biyya alaatti argama jecha kana hinfudhanne.
Hedduuunis dutii nama kanaa qaama walaba ta'een akka qoratamuuf pirezidaantii biyyattiif wamicha dhiyeessanii ture.
Namoota Kizito akka motiitti ilaalaniif, akka nama fakkeenya motummaadhaaf dhaabbachuuf qophaa'eetti fudhatama.
Warri aanga'oota motummaa ammoo, yakkamaa pirezidaantii haalee jechuun himatu ture.















