Gaambeellaa: Waldhabdee lubbuu namoota 12 galaafate 'furamaa jira'

Naannoo Gaambeellaatti sababa waldhabdee gosaa uumameen namoonni qe'eerraa buqqa'aan gara caalu qe'eetti deebi'u naannichi beeksise.

Waldhibdeen Godina Nuweer Aanaa Jikkoo keessatti torban darbe raawwate kun lubbuu namoota 12 kan galaafate ture.

Ka'umsi rakkoo kanaa bulchaan gandaa tokko ajjeefamnaan haaloo bahuuf saboonni Nuweer eeboo walitti qarachuu isaaniiti jedhu hoogganaan itti -aanaa Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa Naannoo Gaambellaa Obbo Utoo Ukoot.

"Jalqaba kan du'e dura taa'aa gandaati. Gosoota Nuweer lama Chengchaang fi Chonguwaa gidduutti waldhibdeen kan dhalate. Rakkoon kun akkuma mudaten humnoota nageenyaa bakkasitti ergineerra."

Sababa waldhabdee tibbanaan namoonni 7,000'tti siqan buqqa'aniiru jedhu.

Yeroo ammaa garuu namoota qe'eerraa buqqa'aan qe'eetti deebisuuf hojjetaa jiraachuu himu aanga'aan kun.

"Daa'immanis akka hin miidhamne nyaata dhiheessineerra. Amma qe'eetti deebi'aa jiru."

Walumaagala jiraattonni 6, 732 Aanaa Jikkoo irraa fageenya kiloomeetira 10 irratti kan argamtu Aanaa Makkooyitti baqataniiru. Isaan keessaa kuma tokko ol fuula durattii deebi'u.

Araara buusuuf kanneen gaggeessitoota gosaa, jaarsolii biyyaafi abbootii amantii Godina Nuweer shan irraa walitti fiduun rakkoon dhalate araaraan akka xumuramu hojjetaa jiraachuus kaasaniiru.

"Kana duras rakkoo akkanaa karaa aadaan wanna furreef isa kanas ni furra jennee abdanna."

Akka Obbo Utoon jedhanitti, yakka kanaan shakkamtoonni sagal to'atamaniiru. Kanneen shakkiin to'aman keessaa jiraattotaan alatti ajajaa poolisii dabalatee miseensonni poolisii shan to'atamaniiru.

Walitti bu'iinsa saba Nuweer kanaan lubbuu nama 12 darbee fi namoota 21 madaa'aniin alatti manneen 320 ta'an akka gubatanis dubbatu Hoogganaan Itti - aanaa Biiroo Bulchinsaafi Nageenyaa Naannoo Gaambellaa kun.