Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namticha saanduqa hatee hidhaa umurii guutuu jalaa baraarame
Hattuun kun saanduuqa erga hateen booda manatti galee saanduuqa banee yoo ilaalu wanti keessa ture nama biraa mana hiidhaa kan galchu ture.
Faallaadhaan ammoo dhimmichi namicha saanduqa mana namaatii hate kana hidhaa umurii guutuu jalaa walaba baase.
Maatiiw Haan qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu kan eegale osoo ijoollee taheeti.
Sababii kanaanis barnoota isaa sadarkaa lammaaffaa adda kutuun, araada isaatiif waa argachuuf jecha ammoo hanna eegale.
Bara 2001'tti waggaa shaniitiif erga mana hidhaa tureen booda bahe.
Innis balleessaawwan cimoo lamaan himatame deebiisee to'annaa jala oolfame. Sababii kanaanis hidhaa umurii gutuutu isa eeggata ture.
Haan akka jedheetti, ''Waggoota baayyeef waan baayyee hojjadha ture... hojii gaarii qabaadha ture. Mana barnootaas deemee, koolleejiis galeen ture. Garuu eenyummaan kiyya haala hin taanetti na geessee.''
Hiriyyaan ijollummaa Haan tokkos ofiin of ajjeessee. Nama sanatuu qoricha sammuu hadoochuufi hanna akka bare na taasisee jedhaan Haan.
Guyyaa tokkos bara 2005 keessa saanduqa waanti jabaa keessa olkaa'amu hatuun manatti fudhatee gale. Kunis lubbuusaa baraare.
Saanduqicha keessa waan hedduutu ture. Isaan keessaayis, Shugguxii, suuraawwn, sanadawwan abbaa qabeenyaa saanduqichaa fi kaardii kaameeraa faa dha.
Wayita kaardii kaameeraa sana koompitara isaa keessa galchuus suuraawwan abbaa qabeenya kanaa wayita daa'ima gudeedu mul'isa.
Haa ta'u malee odeeffannoo kana poolisiitti keennuuf yaadnaan, saanduqicha hatuusaa himuutu irraa eegama. Kana gochuu jechuun ammoo ofiin hidhaa umurii guutuu ofitti murteessuu dha.
Kanaafi Haan dhimmicha attamiin karaa irrra akka buusu itti yaaduu eegale. Isaan boodas yaadni tokko dhufeef.
Kanaafuu Haan kaardii kaameeraa sana boorsaa biraa keessa kaa'uun, maqaa namichaa fi teessoo mana bakka saanduuqa hatee sana yaadannoo barreessee.
Akkasi jechuun itti dabalees: ''Maaloo bineensa kana daandiirraa kaasiitii'' poolisiitti kenni.
Isaan boodas haati isaa akka oduu dhimma kanarratti bahu hordoftuufi innis odeeffannoo kana gaaraajii keessa argachu itti hime.
Torbaniin booda haatiisaa bilbilteef namtichi to'annaa jala oolfamu itti himte.
Abbaa qabeenyaa saanduqichaa Joon Roobartsan Atikeen, qabeenyaansaa jalaa hatamuu poolisiitti hime.
Isaan boodas poolisiin naannichaa erga suuraawwan Haan kaa'e sana argatanii booda waa'ee hannichaa waliin mari'anna jechuun waaman.
Achiin Haan poolisoota amanuun dhugaa ture hunda itti hime.
Haa ta'u malee Haan hanna isaa ittuma fufe. Kanaafuu baatii sadeettiin boodas mana namaa hatuun mi'a haree karaa intarneetiin eBay irratti gurgurateen booda bira gahame.
Poolisiin duraan isa to'ate sirriitti waan isa beekuuf, maaliif deebii'e hanna raawwataa akka jiru gaafateen. Innis deebiinsaa gababaa ture.
Akkas jedheen, ''Yoo xinnaattee akka Atikeen to'atamuu'' isin gargaareera jedheen. Isaan boodas attamii ragaalee poolisii akka qaqqabu akka taasisee itti hime.
Boodas abbaan alangaa dhimma nama gocha sukkaanneessaa daa'imman irratti raawwate sanaa hordofaa jiruu Haan saanduqicha hatuu isaa akka ragaa bahuuf gaafate.
Kanaafuu innis ragaa bahuuf murteessee mana murtii dhaabbate. ''Fedhii kiyyaanan ofii kiyyaaf ragaa ittisaa ta'uuf dhaabbadha,'' jedhe.
Atikeen balleessaa ittiin himatame kanaaf yoo xinnaatee waggaa 25 itti murtaa'aa.
Namoonni kaan ammoo Haan akeekachiisaan mana hidhaatii bahu qabaata jedhan. Kaan ammoo hidhaa dheeraan itti haa murtaa'u jedhu. Booda garuu waggoota 14 fi baatii afur itti murtaa'uun waggaa torba hidhamee bahee.
Wayita tokkos Haan fi Atikeen mana hidhaa tokko keessa turan. Haa ta'u malee guyyaa tokkoolleen walitti haasa'anii hinbeekan.
Mana murtiitti waliin dhaabbatu turan. Haalicha wayita ibsuuf Haan ''atobisiin nu fuudhuuf wayita gara mana hidhaa dhufu, inni atobisicha keessa na fuldura taa'a. Kanaafuu sirriitti isa hubadheera. Inni garuu na hinbeeku ture.''
Wayita Haan ragaa irratti bahuuf mana murtii dhaqeettis Atikeen maalii jedhee gaaffii hinkaafne ture.
Wayita mana hidhaa keessa tureettis: ''Manni hidhaa kun kana booda kan dhumaa naaf ta'a''.
Achiinis qoricha irraa bayyanachuuf tajaajila argachuu eegale. Kitaaba haadha mucaa Atiikeen miidhaan irra qaqqabeen keennameef dubbisuu eegale.
Hidhaan boodas yunivarsitii Kaaliforniyaa irraa eebbifame. Isaan boodas hojii argachuuf baayyee rakkate ture. Kanaafuu hojjataa elektirikaa ta'uun hojjachuu eegale.
Amma garuu ''hojii gaariin qaba'' jechuun BBC'tti hime. Haadha warraa isaa waliin ta'uun mana jireenyaa bitatan. ''Har'a waan dinqiituu jireenya kiiyya keessatti ta'aa jira. Mana hidhaatii akkuman baheen jireenyi kiyya geedarameera.''
Kana malees ''waggaa kudhan dura manni kiyya hidhaa ture. Harra garuu mana mataa kiyyaa godhadheera,'' jechuun dhugaa baha Maatiiwu Haan.
Gocha hannaa raawwataa tureen baayyee gaabbuu isaa dubbata. Osoo danda'ama ta'ee otoo boodatti deebiisee hawwa.
"Wantiin amma gochu danda'u, balleessaawwan raawwadheef beenyaa kanfaluudha. Kana malees namoota akka kiyyaa qoricha fudhachuun rakkataa jiran anarraa akka barataniif deemeen seenaa kiyya itti hima.''