Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uumama: Lafeen qocaa hamma konkolaataa gahu argame
Hambaan lafee qocaa hamma konkolaataa geessi jedhame Kaaba Ameerikaa Kibbaatti argame.
Qocaan maqaa saayinsawaa 'Stupendemys geographicus' jedhamuun beekamtu kun waggoota miliyoona 13 hanga miliyoona 7'n dura akka jiraatte amanama.
Lafeen kun gammoojjii Kolombiyaa 'Tatacoa' fi Veenzuweelaa naannoo 'Urumaco' jidduutti argame.
Lafeen qocaa gosa akkamaa jalqaba kan argame bara 1970'moota keessa yoo ta'u bineensi meetira 4 dheeratu kun kan akkamiiti kan jedhu namoota hedduutti gaaffii ta'ee ture.
Qocaan kun dhiirri isaa gaanfa gara fuulduraatti akeeku karaa lamaanuu qaba. Godaannisi gaanfa isaarratti argame, gaanfa isaa ittiin loluuf fayyadamaa akka ture mul'isa.
Ilkaan isaa kan gajjallaa jiru dhedheeraa ta'uun maal soorataa akka ture saayintiistotaaf eeruu kenneera.
Galaana jala akka jiraatu kan tilmaamame qocaan kun bineensota xixiqqoo akkasumas biqiltuuwwan nyaata ture.
Lafeen isaa tokko ilkaan naachaa keessatti cabee kan argame yoo ta'u guddinni isaa bineensota isa adamsan irraa of baraaruuf isa gargaareera jedhame.