Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yugaandaan Awwaannisaa ittisuuf loltootni shaakalliitti akka bobba'an ajajuuf
Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa naannolee hedduu keessatti ji'oota muraasa darbanii as weerarri awwaannisaa dhalatee omisha hangi isaa hin ibsamne mancaase Yugaandaafi Taanzaaniyaattis yaaddoo uumeera.
Hooggantootni mootummaa Yugaandaa Dilbata galgala walgahii ariifachisaa taa'uun weerara Awwaannisaa kutaalee biyattii daangaa Keeniyaatti mudate ittisuun akka itti danda'amurratti mariyataniiru.
Walgahii ariifachiisaa kana Ministirrii Muummee biyattii Ruhakaanaa Ruguundaa kan waaman yoo ta'u, ittisa weerara kanaarratti waan fala jedhan kaahaniiru.
Maloota ittisaa walgahiin ariifachiisaan kun kaahe keessaa xiyyaarota farraa awwaannisaa biifan lamaafi konkolaattota biro qacaruu, paampiiwwan harkaan biifaman dhibba hedduun qopheessuun ni argama.
Loltootni biyyattiis shaakalliitti akka bobba'an ajajuuf karoorfameera.
Akka mootummaan Yugaandaa beeksisetti daangaa Keeniyaatti farrii Awwaannisaa akka biifamu biyyootni lameen waliigalteerraa gahuuf hojjetamaa jira.
Weerarri Awwaannisaa kun Taanzaaniyaa naannoo Kilimaanjaaroottis mudachuu komishinarri naannichaa Anaa Magwiira BBC''f mirkaneessaniiru.
Weerrarri kun Keeniyaarraa gamasitti akka ce'e amanama.
Hanga weerara kanaa erga adda baasanii booda akkamiin ittisuuf akka karoorfame kan beeksisan ta'uus dubbataniiru.
Weerarrii awwaannisaa seenaa waggaa 25 naannoo Gaanfa Afrikaatti isa hamaadha jedhame kun, Keeniyaa, Somaaliyaafi Itoophiyaa keessatti miidhaa guddaa qaqqabsiiseera. Wabii nyaataa naannichaas yaaddoo keessa galcheera.
Naannolee Somaalee, Oromiyaa, Amaaraa fi Tigraay keessatti weerara mudatee tureen, miidhaan hagamii akka qaqqabe mootummaa Itoophiyaa ifatti wanni jedhe hin jiru.
African Solidarity Trust Fund ittisa weerara kanaa naannoo Gaanfa Afrikaa gargaaruuf doolaara Ameerikaa miiliyoona tokko arjoomeera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbatni Nyaataafi Qonnaa FAO'n, Sudaan Kibbaa fi Yugaandaan biyyoota yaaddoo guddoo qabaniidha jedheera.
Hormaatni Awwaannisaa(Desert Locust) haaraan Eertiraa, Saawdii Arabiyaa, Sudaaniifi Yaman uumamaa akka jirus akeekkachiiseera.