Fayyaa dubartootaa: Ujummoo dubartoonni dhaabatanii akka fincaa'an gargaaru

Dubartiin lammii Keeniyaa mana fincaanii uummataa fayyadamuun dubartoota infeekshinii saaxilamaniif fala falte.
Injiirii Mutaakaan jedhamti meeshaa ujummoo fakkaatu kan dubartoonni dhaabatanii akka fincaa'an isaan gargaarudhan kan isheen gabaaf dhiyeessite.
Ujummoon kun dubartoonni mana fincaanii uummataa fayyadamanii dhukkubni akka isaan hin qabne gargaara.
Injiiriin dhukkuba infeekshinii ujummoo fincaaniin irra deddeebiin erga rakkattee boodadha meeshalee kana biyya alaatii fichisiisuu kan jalqabde.
Meeshaa kana erga fayyadamuu jalqabdeen booda dhibeen infeekshinii ishee qabataa ture akka ishee dhiise dubbatti.
Kanaanis mala ishee gargaaare dubartoota kaanitti gurguruu akka feete dubbatti.
Ogeessoti fayyaa illee malli kun infeekshiniif saaxilamuu akka hir'isu waliigalu.
Dr Kiriis Obwaak ''Dubartoonni fincaan fincaa'uuf gadi hin teenye jechuun, teessoowwan mana fincaaniitti hin bu'anii jechuu dha. Kunimmoo carraa infeekshiniif isaan saaxilu ni hir'isa.
Haa tahu malee ujummoo kana fayyadamuun gocha aadaa waliin walitti bu'uu dha jechuun dhiiroti Keeniyaa mormaa jiru.
Namni Saayiman Baaraaz, ''Kuni aadaa keenya waliin hin deemu sababiinsaa nuti dubartoonni dhaabbatanii akka hin fincoofne beekna,'' jedheera.
Meeshichi birrii 60'n akan gurguramu yoo tahu hanga yoonaa Injiriin 400 gurgurteetti.

















