Fayyaa Dubartootaa: Qoricha 'kaansarii harmaa walakkaasaa ittisuu danda'u'

Mammogram

Madda suuraa, Getty Images

Qorichi carraa kaansarii harmaan qabamuu dubartootaa walakkaan hambisu kun duruma ture garuu dubartoonni erga fudhachuu dhiisanii bubbulaniiru jedhu doktoroonni.

Qorichi 'Anastrozole' jedhamu kun hormoonii oostiroojiin kan kaansariin harmaa akka guddatu taasisu akka hin omishamne dhorka.

UK keessatti dubartoota qoricha kana fudhachuun hayyamameef keessaa harka 10 qofatu itti fayyadamaa jira.

Qorichi kun kaansarii harmaa walakkaasaa ittisuu akka danda'u mirkanaa'eera jedhu qorattoonni.

Eenyutu fudhachuu danda'a?

'Anastrozole' kan fudhachuu danda'an dubartoota marsaan laguu isaanii dhaabbate qofa.

Sababni isaas dubartoota marsaa laguurra jiran omisha oostiroojinii isaanii dhaabuu hin danda'u.

Dubartiin tokko erga kaansarii harmaan qabamte booda akka yaalaatti qoricha kennamu ture.

Qorannoon amma argame garuu qorichi kun osoo kaansariin harmaa nama hin qabiin ittisuu akka danda'u mirkaneesse.

Qorannoon jalqaba hojjetame 'Anastrozole' waggoota shan qorichichi fudhatame keessatti kaansarii harmaa walakkaasaa ittisa jedhee ture.

Yaalii haaraa dubartoota qoricha kana fudhatan 3,864 irratti taasifame garuu dubartoonni kun qorichicha fudhachu erga dhaabanii waggoota torba booda kaansariin harmaa qaban dhibbeentaa 49'n hir'ateera.

Kana jechuun faayidaan isaa ni tura jechuudha.

Qorichichi ni argamaa?

Dubartoonni marsaan laguu isaanii dhaabbate kan sababa maatii fi sababoota adda addaan carraan kaansarii harmaan qabamuu isaanii olaanaa ta'e erga bara 2017 as qorichicha akka fudhatan gorfamaa turan.

"Namoonni fudhatan daran xiqqoo turan, dubartoonni hedduun fudhachuu qabu" jedhu ogeeyyiin.

Yaaddoon tokko kan ture faayidaan isaa yeroo dheeraa turuu isaafi dhiibbaa akka gogiinsa gadameessaa fiduu danda'u ture.

Haa ta'u malee, dhiibbaan qoricha kanaa hagas mara miidhaa kan qaqqabsiisu akka hin taane ogeeyyiin mirkaneessaniiru.

Qorichichi akkamiin kaansarii ittisa?

Kaansariin tiishuuwwan qaamaa faalaman jechuudha.

Seeliin fayya qabeessi tokko halkanuma tokkotti kaansariitti hin jijjiiramu. Adeemsa keessa jijjiirama.

'Anastrozole' seeliiwwan gara kaansariitti jijjiiramuu wayita eegalan ajjeesa.

Amma booda harma kaansariin qabame muruun ni hafa?

Lakki.

Qorichi kaansarii harmaa ittisu jira jechuun, harma kaansariin qabame muruun qofti yaala ta'uu hin danda'u jechuudha.

Haa ta'u malee, dubartoonni tokko tokko sadarkaa olaanaan carraa kaansariin qabamuu waan qabaniif qoricha qofaan yaaluun lubbuu isaaniif sodaachisaa ta'uu mala.

Yeroo harma kaansariin qabame muruun dirqama ta'uu danda'a.

Fuulduraaf warra sadarkaa olaanaatti carraa kaansariin qabamuu qaban qorannoon adda ni baasa jedhamee eegama.

Qorichoonni biroo jiruu?

Hormooniin oostiroojinii akka hin oomishamne kan dhorku - 'tamoxifen' carraa kaansarii harmaan qabamuu hir'isuuf ooluu danda'a.

'Anastrozole' waggoota 12'f (shan osoo qorichichi fudhatamaa jiru, torba ammoo erga fudhachuu dhaabanii booda) kaansarii harmaa dhibbeentaa 49'n hir'isa.

'Tamoxifen' garuu dhibbeentaa 28.

Haa ta'uu malee, dubartoota marsaa laguurra jiraniif 'tamoxifen' caalaatti bu'a qabeessa.

Amma dura 'anastrozole' akka 'tamoxifen' kaansarii ittisuu akka danda'u hin beekamu ture.

Qorannoon kun carraa guddaa uuma jedhu ogeeyyiin.

Doktoroonnii fi dhukkubsattoonni akka itti fayyadaman hubannoo uumuun barbaachisaadha jedhu.