Duula diddaa 'uffata harmaa' dubartoota Kooriyaa Kibbaa

Graphic of a Bra

Dubartoonni Kooriyaa Kibbaa suuraa osoo uffata harma ittiin qaban hin uffatiin ka'an marsaalee hawaasaa irratti maxxansuun duulatti jiru.

Sochiin kun hashtag #NoBra jedhuun marsaalee hawaasaa irratti daran babal'atee jira.

Duulli kun erga taatoo fi weelliftuun biyyattii Sulliin suuraa 'uffata harmaa' malee kaate Instagram ishee hordoftoota miliyoonotaan lakkaa'aman qabu irrati dhoobdeen booda.

Ergasii boodas akka mallattoo duula kanaatti ilaalamti. Gadi baatees 'uffata harmaa' uffachuu fi dhiisuun dhimma "bilisummaa dhunfaati" erga jedhu dabarsa jirti.

Namoota hedduurraa ergaan deeggarsaa akka ishee gahuu dubartootaa fi dhiirota hedduurraa ammoo 'beekaa xiyyeeffannoo barbaacha akkas goota' qeeqni jedhu ishii mudata.

"Uffata harmaa uffachuu dhiisuun filannoo ta'us, yeroo mara uffata fiixee harmaa ishii mul'isu uffattee suuraa kaatee maxxansiti. Sana gochuu hin qabdu," jechuun fayyadamaan Instagram tokko ishee qeeqee barreesse.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa Instagram

Kooriyaa Kibbaatti duula akka kanaan yaada ofii ibsachuun waan baratamaa dhufedha.

Bara darbe duula 'Escape the Corset' jedhuun dubartoonni hedduun rifeensa dheeraa isaanii ofirraa haadanii osoo 'make-up' hin dibatiin suuraa ka'uun marsaalee hawaasaa irratti dhoobaa turan.

Duulli kun ulaagaa bareedinaa jedhamee waan dubartoonni gochuuf sa'aatii dheeraa itti fudhatu mormuuf ture.

Lina Bae
Ibsa waa'ee suuraa, Youtube irratti kan beekamtu Lina Bae 'make-up' osoo hin dibatiin waan mul'atteef dorsifni ajjeechaa ishee mudateera

Dubartoonni Kooriyaa Kibbaa BBC'tti dubbatan akka jedhanitti uffata harmaa malee socho'uu barbaadanis ija namaa sodaa gochuu hin dandeenye.

Kooriyaa Kibbaa keessa jechama 'Gaze rape' ykn ijaan gudeeduu jedhamutu jira. Kana jechuun hanga akka xuqamte sitti dhagaahamuutti namni tokko osoo hin libsatiin gaaf nama ilaalu jechuudha.

Maaliif uffata harmaa jibban?

Uffata harmaa uffachuun kan dubartoonni yoo fedhan uffatan yoo hin feene dhiisan malee akka dirqamaatti fudhatamuu hin qabu jedhu dubartoonni kunneen.

Gama biraan ammoo wayita uffata harmaa uffatan miirri dhukkubbii akka itti dhagaahamuu fi akka isaanitti hin mijanne himu.

Jiddugala Qorannoo Harmaa Awustiraaliyaa, Yuunivarsiitii Wologoongitti fiiziyooteeraappiistii kan ta'an Dr Deyidir Makgii garuu uffata harmaa uffachuun fayyaafi dhaabbii qaamaa gaarii qabaachuuf akka fayyadu dubbatu.

Keessumaa warri harmi isaanii guddaa ta'e uffata harmaa hin uffatan yoo ta'e dhibee dugdaaf saaxilamuu danda'u jedhu.

Female protesters

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sochiin diddaa uffata harmaa bara 1960moota keessa eegale

Dubartoonni wayita uffata harmaa uffatan miirri dhukkubbii itti dhagaa'amuu fi itti hin tolle tarii uffata harmaa sirii hin filanne ta'a jedhu ogeeyyiin.

Amma duraa uffata harmaa uffachuun kaansarii harmaa waliin hariiroo qaba waan jedhu qorannoon mirkaneesse hin jirus jedhu.

'Free the Nipple' ykn fiixee harmaa bilisa haa baafnu tumaa jedhu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Free the Nipple' ykn fiixee harmaa bilisa haa baafnu tumaa jedhu

Sochiin diddaa uffata harmaa kun Kooriyaa Kaabaa qofa osoo hin taane biyyoota hedduu keessatti baratamaadha.

Yeroo baay'ee miidhaa saalaa fi olaantummaa dhiiraa mormuuf akka mallattootti itti fayyadamu.