Gaazexeessituun dubartoonni furdatan ba'aadha jette Tv irratti akka hin dhihaanne dhorkamte

Rihaam Sa'iid yeroo waa'ee dubartootaa dubbatte suuraa Tv irraa kaafamte

Madda suuraa, Al-Hayah TV

Ibsa waa'ee suuraa, Rihaam Sa'iid waa'ee dubartootaa kan dubbatte qophii Tv isheen dhiheessitu irrattidha

Qopheessituun sagantaa Televijinii biyya Masrii waa'ee namoota gar-malee furdatan irratti dubbatteef miidiyaa irratti akka hin dhihaanne dhorkamte.

Dhaabbati miidiyaa biyyattii to'atu jechoonni gaazexeessituun kuni dubbatte dubartoota Masriif qaaniidha jedheera.

Aadde Rihaam Sa'iid sagantaa ishee irratti dubartoonni garmalee furdatan ''maatiifi biyya irratti ba'aadha,'' jette.

Ergasii as inistaagiraama irratti as baate wanti jette sirrii akka ta'eefi hojii dhiisaa akka jirtu himte.

Dubbiin ishee kuni kan dhagahame erga pirezidantiin Masrii Abdul Fattaah al - Sisii lammiilee Masrii osoo ulfaatina hir'istanii jedhanii dhaamsa dabarsianii booda dha.

Bara 2018'tti immoo lammiileen Masrii akka of kunuunsan dhaamanii turan.

Televijina al - Hayaah irratti qophii 'Sabayaa' jedhamu kan dhiheessitu Rihaam sababa gar-malee furdachuun dubartoonni dubartummaa isaaniifi gammachuu dhabu jette.

Kunis sababni isaa, ''summii qaama isaanii keessa jirurraa kan ka'edha,'' jettee dubbatte.

Dabaltees, jarreen dhiiraa dubartoota garmalee furdatan hin jaalatan. Kanaanis, yoo haati warraa isaanii furdatte ni hiiku ykn dhiisu jette.

Dubbiin ishee kuni miidiyaa hawaasummaa gubbaa komii guddaa kaasise.

Ergaa insitaagiraama ishee irratti dabarsiteen namoonni akka itti duulaa jiraniifi hojii dhiisaa akka jirtu himte.

Kunis, namoonni isheen hin beekne muraasni miidiyaa hawaasummaa irratti waa'ee ishee waan sobaa dubbachuuniifi itti duuluun egeree ishee akka cilee diban himti.

''Kanaafuu, wanti kuni na gahe,'' jechuun ''si'achii ijoolleekoon guddisa,'' jette.

Akka isheen jettetti waggoota 12'n darban namoota garmalee furdatan gargaaruuf waan hedduu dalagde.

Gaazexeessituun kuni yeroo dubbii ijoo taatu kuni kan duraa miti.

Kana dura baqattoota Sooriyaa daawwachuu dhaqxe isaan namaaf kabaja hin qabani jette.