Fayyaa Dubartootaa: 'Paadii qulqullinaa dubartootaa qaraxa irraa bilisa goona' - Dr Amiir Amaan

Paadii qulqullinaa dubartoonni wayita laguurra jiran fayyadaman qaraxa irraa bilisa akka gara biyyaa galu taasisuuf hojjechaa jirra jedhan Ministirri Fayyaa Dr Amiir Amaan.
Kana kan godhaniif dubartoonni gatii madaalawaan akka argataniifi bakka hunda akka wal gahuuf ta'uu Dr Amiir BBC'tti himaniiru.
Dabalataan paadiin qulqullinaa ykn moodesiin akkuma qorichaa fi meeshaa yaalaa kamii biiya keessatti omishamee akka raabsamu karoorri jiraachuus himaniiru.
"Dubartiin tokko paadii qulqullinaa argachuun mirga isheeti" kan jedhan Dr Amiin, mootummaan kana dhiyeessuuf dirqama qaba jedhan.
Kanneen humna bituu hin qabneef bilisaan, warra bituu danda'aniif ammoo gatii madaalawaan akka dhiyaatu gochuuf dirqama mootummaati jedhu Dr Amiir.
Paadii qulqullinaa argachuu fi dhabuun fayyaa wal-hormaataa fi barnoota irrattillee dhiibbaa qaba kan jedhan Dr Amiir, murtee irra gahame pireezidanti Itoophiyaa Sahilawarq Zawudee fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta'uun bara haaraa kanatti akka ifoomsan himan.

Gama biraan weerara dhibee Iboolaa biyyoota Afrikaa Bahaaf yaaddoo ta'aa jiru Itoophiyaa keessatti kan mudatu yoo ta'e gareen ariitiin tarkaanfii fudhatu ijaarameera jedhan.
Buufata Xiyyaaraa Finfinnee, Dirree Dhawaa fi Maqaleerraan imaltoota gara biyyaa galan irratti qorannoon iboolaa taasifamaa jira jedhan.
Buufataalee xiyyaaraa kanneenitti dabalataan keellaawwan 28 irratti qorannoon ni taasifama jedhan.
Addatti ammoo "namoota Rippabliika Dimmokiraatawaa Kongoo irraa dhufaniif gareen qorannoo fayyaa taasisu ijaarameera" jedhan.
Gareen kun guyyaa isaan gara biyyaa galan irraa kaasee guyyoota 10'f hordoffii taasisaaf jedhan.
Sochiin iboolaa ittisuu kun kan eegalame waggoota shan dura ture jedhu Dr Amiir. Yeroos ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa gara Lixa Afriikaa ergamanii akka turanis ni himu.
Ogeeyyiin yeroos garas ergaman deeggarsa kennuun alatti vayirasichi Itoophiyaa keessatti yoo mudate akkamiin ittisna kan jedhu muuxannoo akka argataniifi jedhan.
Finfinnee fi magaalota naannoo keessatti iddoon namoonni Iboolaan qabaman itti hordoffiin taasifamuuf 11 qophaa'uu isaas Dr Amiir BBC'tti himaniiru.













