Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arbaa Mincitti lolaan namoota 13,000 ol qe'eerraa buqqise
Godina Gaamoo Aanaa Zuuriyaa naannawaa magaalaa Aarbaa Mincitti guyyaa kaleessaa balaa lolaa mudateen namoonni kumni 13 ol qe'ee fi qabeenya isaanirra buqqa'uu waajjirri bulchiinsa godinichaa beeksiseera.
Aanichatti gandoolee balaan lolaan kun mudatee Eelgoo, Qollaa Sheel fi Sheel Meelaa keessatti ta'u itti gafaataman waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa Godinichaa obbo Asaggid Tafarraa himaniiru.
Aanichatti kaleessa rooba cimaa roobeen lagni Silee fi Seegoo guutuun jiraattotaa gandichaa irratti miidhaa qaqqabsiiseera.
Jiraataan magaalaa Arbaa Minci akka nutti himetti namoota balaa lolaatiin qe'eerraa buqqa'an keessaa kan daran miidhaman harmootii, daa'immanii fi kanneen umuriin jaaraniidha.
Jiraataan kun namnoonni kunneen wayita balaa lolaatiin dararaman arguu fi keessattuu lolaan akkaan guddaa waan tureef manneen fincaanii jiran cabsee balfi walmakuun naannoo faaleera jedha.
Manneen hedduun akkuma namoonni keessa jiranitti lolaadhaan liqimfamuu aguusaas dubbateera.
Gandoota balaan lolaa keessatti mudate keessaa gandi Eelgoo guutummaatti liqimfameeras jedha.
Namoonni ganda kanaa qabeenyisaanii mana keessaa baafachuun hafee lubbuudhaaniyyuu bahuun shakkii ture jedha namni kun.
Har'as hammi roobaa dabalaa jiraachuu kan nutti hime jiraataan kun roobni daballaan balaan hammaataa deema waan ta'eef birmannaa barbaanna jedheera.
Waa'ee balaa lolaa kana ilaalchisnee kan dubbisne Hoogganaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Gaamoo Gofaa Obbo Assaggid Tarrafe balaan lolaa kun bineeldota, midhaanii fi qabeenya namaa akkaan miidheera jedhan.
''Rooba garmalee roobeen walqabatee lageen waan guutaniif lolaa waliin walargatanii gandoota akka Eelgoo, Qollaa Sheel fi Sheel Meelaa irraan miidhaa guddaa geessiseera. Bineensota manaa fi qabeenya biroo irra miidhaa guddaan ga'us hamma ammaatti lubbuun namaa hin darbine.''
Balaa lolaa kanaan maatiiwwan 2,777 qe'eesaaniirraa buqqa'uu kan dubbatan Obbo Assaggid walii galatti namoonni 13,885 qe'eerraa buqqa'aniiru jedhan.
Midhaan qotamee lafa hektaara 2731 ta'u irra ture guutummaatti liqimfameera.
Muduraalee fi kuduraaleen akka maangoo, avokaadoo fi muuzii fi kanneen biroon gandoota kanneen keessa turan barbadaa'aniiru.
Obbo Assaggid akka jedhanitti kanaan duras lagni sirriitti hidhamuu dhabuurraa kan ka'e balaan lolaa mudatee turullee kana alanaa garuu akkaan hammaataadha.
''Lolaan duruu mudata. Kan ammaa kun cimaadha. Haalli lolaan itti lafa uwwisee jiru baay'ee nama sodaachisa. Uummata qe'eerraa buqqisuu qofa osoo hin taane, dhibee busaafillee saaxiluu danda'a jennee sodaanna.''
Namoota qe'eerraa buqqa'aniif gareen deggersaa mootummaan ramade gargaarsa gocha ajiraachuu kan dubbatan Obbo Assaggid bakkatti deebisuun yeroo fudhachuu waan danda'uuf deggersa mootummaa jala turuuf dirqamaniiru jedhan.
Godinni Gaamoo keessattuu lafti naannawa magaalaa Arbaa Minci hurufa ciisaa fi laggeenii fi haroowwaniin kan marfame waan ta'eef balaa lolaaf saaxilamaadha.