Ameerikaan lammiilee Naayijeeriyaa fi Eritraa biyyashee akka hin galle dhorkite

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan lammiilee biyyoota garaagaraa biyyashee akka hin galle dhorkite keessaa Afrikaa irraa lakkoofasa uummataa guddaa kan qabdu Naayijeeriyaan tokko dha.
Lammiileen biyyoota Naayijeeriyaa, Eritiraa, Sudaan, Taanzaaniyaa, Kaayrgaaztaan fi Maayaanmaar Viizaa argachuurraa dhorkamaniiru.
Lammiileen biyya kanaa Ameerikaa akka turistiitti daawwachuu ni danda'u.
Bara 2018 keessa Ameerikaan lammiilee Naayijeeriyaaf viizaa biyyoota shanii dachaa dhaan caalu kenniteetti.
Tarkaanfiin ammaa kuni biyyooti kunneen gulantaa nageenyaafi odeeffannoo Ameerikaa guutuu waan dadhabaniif kan fudhtame dha jedhan qondaalli biyyattii.
''Biyyooti kunneen gama baayyeen ragaa ni dhiyeefatu garuu ulaagaalee Ameerikaan baaste garuu hin guutan jedhan,'' seekireetariin nageenya biyya keessaa Ameerikaa Chaad Woof.
Qondaalotni, biyyooti kunneen tarree dhorkaa keessaa akka bahaniif ulaagaalee nageenyaa guutuu qaban irratti isaan gargaaruu jedhan.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp bara 2017tti ture dhorkaa kana kan jalqaban. Dhiyeenya kana biyyattiin lammiilee biyyoota uummata Musliimaa harka-guddeessa qaban irraa dhufanitti daangaa ishee cufteetti.
Bara 2018tti Ameerikaan lammiilee Naayijeeriyaa 8,000f viizaa kenniteetti. Bara kana keessatti lammiilee Sudaan 2000, kan Taanzaaniyzz 290 fi lammiilee Ertiraa 31f viizaa kennitee jirti.
Ameerikaan kana dura viizaa lammiilee Eritiraa goosota murtaa'an irratti dhorkaa akka keessu bara 2017tti beeksiftee turte.
Seerri haaraa kun maalfaa qabata?
Ameerikaan viizaa lammiieen biyyoota kanaa hayyama jireenyaa dhaabbataa akka gaafatan godhu dhorkiteetti. Kunis Naayijeeriyaa, Eritiraa, Kaayrgaaztaaniifi Maayaanmaar dabalata.
Lammiilee Sudaanfi Taanzaaniyaa kana booda DV yookiin ''Diversity Visa'' dhaafa iyyachuu hin danda'ani.
Woof, dhorkaan kun daawwattoota, warreen daldalaaf yookiin wal'aansaaf deeman hin ilaallatu.
Biyyoota kunneen keessaa Kaayrgaaztaan fi Sudaan biyyoota lakkoofsa uummata Muzliimaa harka guddaa qaban yoo tahu, Naayijeeriyaa fi Ertiraan harka 50 Musliima qabu ture.
Tiraamp bara 2107 angootti erga dhufanii guyyaa torba booda Ameerikaa eeguuf jecha dhorkaa godaantootaa kan mallatteessan.
Jalqaba dhorkaan kun biyyoota lakkoofsa Musliimaa guddaa qaban torba kan tarreesse yoo tahu mormii mana murtee booda sirreefamni taasifameera.
Lammiilee biyyootii Liibiyaa, Somaaliyaa, Siiriyaa, Yaman fi Veezuweelaa fi Kooriyaa Kaabaa warreen dhorkaman keessaati.
Barattooni carraa barnootaa argatanii garas imaluuf jedhan Ameerikaa keessatti nama yookiin dhaabbata qabatamaa waliin hariiroo qabu taanaan dhorkichi isaan hin ilaallatu.












