Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miseensi paarlaamaa jabina ibsuuf haadholii warraa isaanii paarlaamatti dhiyeessan
Miseensi Paarlaamaa Naayijeeriyaa Alhaassan Adoo Doguuwaa Mana Maree Bakka Bu'ootaatti haasaa muudama booda dubbataniin ''akkuman asitti cimaa ta'e manattis cimaa dha'' jechuun haadholii warraa afur qaban Paarlaamaatti dhiyeessan.
''Haadholiin warraa koo afur kun ijoollee 27 naa dahaniiru ammas lakkaahuutti jirraa'' jechuun dubbatan.
Haasaa isaanii kanaan maqaa haadholii warraa isaanii dhahanii mana marichaa keessatti akka dhaabatanii of agarsiisan afa yaa'iin akka hayyamuuf gaafataniiru.
Manichis yoo isaan ''manattis cimaa dha'' jedhanii dubbatan kolfaan guutame.
''Miseensonni Paarlaamaa nama cimaa naan jedhu, animmoo mana maree keessatti qofa mitii manattis haadha warraa afur waanan bulchuuf nama jabaadhan jedha'' jedhan Doguuwaan.
Viidiyoon haasaa isaanii kana mul'isu twiitara gubbaa gadhiifamee namootni baayyen irratti yaada kennaa jiru.
Doguuwaan Kaaba Naayijeeriyaa kutaa biyyaa Kaanoo jedhamutti filatamanii paarlaamaatti makaman.
Bakka Miseensi paarlaamaa kun itti filatamanitti dhiirri tokko haadha warraa hedduu qabaachuun baratamaa dha.
Dhiyeenya kana kutaa biyyaa Kaanootti hoogganaa Amantaa Islaamaa kan ta'an Sanusi Lamido Sanuusi hadha warraa hedduu qabaachuun Kaaba Naayijeeriyaatti ''hiyyummaa fi duubatti hafummaaf sababa ta'eera'' jechuun dubbatanii ture.