'Lammileen baqattummaan waggaa 40'f turan gara biyyaatti deebi'uuf'

Lammiileen Itoophiyaa baqattuummaan gara waggoota 40'f kaampiiwwan Daadaabiifi Kaakumaa kan Keeniyaatti argaman keessa turan fedhiisaaniin gara biyyaatti deebii'uuf qophiirraa jiraachuu Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Obbo Mallas Alam himan.
Keeniyaatti Ambaasaddarri Itoophiyaa Mallas Alam BBC'tti akka himanitti, lammileen Itoophiyaa gara 2,000 ta'aniifi fedhiisaatiin dawoo baqatummaa Dadaab fi Kaakumaa keessa turaniirra gara biyyatti akka deebi'aniif deeggarsiifi qophiin barbaachisuus raawwatamaa jira.
Ambaasaddarichi akka jedhanitti, lammileen Itoophiyaa Sababoota gargaaraatiin biyyaa baqatan kunneen yeroo dheeraaf dahannoo baqatummaa keessa kanneen turan yoo ta'an, isaan keessaa kanneen waggoota 40 oliif kanneen dahanicha keessa jiraataa turan keessatti argamu jedhan.
Haaluma kanaanis namoonni waggaa dheeraaf dawwoo keessaa jiraatan muraasni ijoollee godhachuun daa'imtii isaaniyyuu gaa'iila kan dhaabbatan akka jiraniifi kanas imbaasichi dhimmicha itti dhiheenyaan qorachu isaa himaniiru Ambaasadar Mallas.
Dhimma lammilee Itoophiyaa kanneenii irratti hordoffii barbaachisu gochuuf dhiyeenyatti gara dawoowwan baqattummaa Dadaabii fi Kaakumaatti imaluu isaanii kan dubbatan Ambaasadar Mallas, ''hojiin baqattoota kanneen deebisuus guutummaatti fedhiisan irratti kan hundaa'ee raawwatamudha' jedhan.
Haalli jireenya dawoo kanneenii haalaan cimaa ta'usaa qaamaan wayita achitti argamaniitti hubachuu kan dubbatan Ambaasadar Mallas, isaanii waggoota dheeraaf achi keessa turan jireenya sukkeessaa attamii akka dabarsan tilmaamuun ni danda'ama jedhaniiru.
Lammileen baqattuummaan dawoowwan baqattummaa Kaakumaafi Dadaab keessa waggoota dheeraa jiraachaa turan hedduun kanneen Oromiyaafi naannoo Somaalee irraa sababiiwwan rakkoo siyaasaafi sarbama mirgoota namoomaatiin walqabateen baqataniidhas jedhan.
Haa ta'u malee ammaa haala jijirama biyya keessatti umameen wal qabatee gara biyyaatti deebii'uun jireenyaasanii jiraachuf fedhii argarsiisaniirus jedha Obbo Mallas.
Haaluma kanaanis dawoo baqattootaa Dadaab keessatti lammileen gara kuma 7 yoo ta'an, kenneen Kakuumaa keessa jiraatan ammoo gara kuma 10 ta'u jedhaniiru.
Imbaasiin Itoophiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishinii Olaanaa Dhimma Godaansafi mootummaa Keeniyaa wajjin ta'uun baqattoota gara biyyasaaniitti deebi'uu barbaadan deeggaruun xumura torban kanatti marsaa jalqabaatiin biyyatti deebisuuf karoorseera.
Ambaasaddar Alam akka himanitti, marsaa jalqabaatiin baqattoota 85 dawoo Kaakumaarraa sanadi imalaa kennameefi geejjiba eegachaa kan jiran ta'u himaniiru, Ambaasaadar Mallas.
Itti aanisee dawoo Dadaab irraa namoota gara marsaa lamaatiin baqattoota 2,020 ta'aniif sanadi imalaa qophaa'uu kan dubbatan Ambaasaadar, isaan keessaa 400 kan daa'imman umuriinsaanii waggaa torbaa gadiiti jedhan.
Ambaasaddarichi itti dabaluun akka ibsanitti, baqattoota kanneen keessaa muraasni isaanii wayita dawoo keenneen keessa turanitti qabeenyaan kan horatan waan jiruuf, isaanis qabeenyaa kana qabatanii gara biyyaatti akka deebii'an taasisuuf haal dureen mootummaa waliin hojjtamaa jiraachu himaniiru.
Akkasumas baqattoonni kunneen wayita gara naannoo irraa baqataniitti deebii'aniitti haala ijoolleen isaanii carraa barnootaa itti argataniifi itti gargaaraman irratti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishinii Olaanaa Dhimma Godaansafi Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa akkasumas naannoolee waliin wal ta'uun hojjatamaa jiraachu, Ambaasaadar Mallas himan.
Mootummaan Itoophiyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishinii Olaanaa Dhimma Godaansa wajjiin ta'uun Keeniyaa dabaltee baqattoota biyyoota ollaa jiran fedhiisaaniitin gara biyyatti deebisuuf sanada waliigaltee ji'a Caamsaa darbe mallatteessanii turan.
Sochiin wayita ammaatti lammilee Itoophiyaa fedhisaanitiin gara biyyaatti deebisuuf taasifamaa jiru kunis kan eegalame, waliigalteedhuma malatteeffame irratti bu'urreeffachuun, Imbaasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru lammilee kanneeniif waan barbaachisan hunda qaopheessuu ibsan.
Waggoota lamaan darban keessatti tarkaanfiiwwan jijjiirama siyaasaa Itoophiyaan fudhataa jirtuu fi yaalii walitti fufaa Ministira Muummee dabalatee anga'oonni olaanoon biyyatti lammilee biyyarraa baqatan akka deebii'aniif waamicha dhiyeessaniin baay'een isaanii gara biyyatti deebi'aa jiraachuusaanii ibsan.















