'Jawaar Mahaammad lammii Itoophiyaati' jedhe paartiin isaanii KFO'n

Gaaffii Boordii Filannoorraa dhimma lammummaa Obbo Jawaar Mohaammad ilaalchisuun dhiyaateef deebii bu'uura labsiirratti hundaa'e deebisuuf qophaa'uu hooggansi KFO beeksisan.
Obbo Jawaar Mohaammad lamummaa biyya ormaa qabaachuun labsii filannoofi heera biyyaarratti labsiiwwan kaahaman irraa kan ka'e siyaasa idilee keessatti akka hin hirmaanne ni dhorkamu.
Labsii dambii filannoo bara 2019 bahee keewwatni 63 lakkoofsi tokkoo, namni tokko paartii hundeessuu fi miseensa paartii tokkoo ta'uuf mirga kan qabatu yoo lammii Itoophiyaa ta'eedha jedha.
Lakkoofsi lama ammoo Lammiin Itoophiyaa umrii 18 ol ta'e kamuu miseensa paartii biyyaalessaas kan naannoottis miseensa ta'uu danda'aa jedha.
Boordiin Filannoo Biyyoolessaas bu'uuruma seeraa kana tuquun dhimma lammummaa obbo Jawaar Mohaammad fi hirmaannaa siyaasaa isaaniirratti paartii Kongireesii Federaalawaa Oromoof xalayaa si'a lammataaf ergeera.
Xalayaan lamaan paartii kanatti ergaman gabaabumatti obbo Jawaar Mohammad Lammummaa isaanii biyya ormaa ofirraa mulqanii lammii Itoophiyaa ta'uu fi dhiisuu isaanii nu beeksisaaa kan jedhu akka ta'e Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuufi itti gaafatamaa waajira KFO obbo Xurunaa Gamtaa BBC'tti himaniiru.
''Obbo Jawaar lammii biyya alaa waan turaniif, nama lammii biyya alaa miseensa godhachuun haala labsii baheen sirrii mitii jedhaniitu nu gaafatanii'' jedhan.
Boordiin Filannoo Xalayaa paartii kanaaf ergeen paartichi Amajjii 29 dura deebii isaa akka beeksisuun gaafateera.
Xalayaa isa jalqabaa boordiin filannoo barreesseef akkuma fudhataniin gaafficha obbo Jawaariif dhiyeessanii deebii argatanii akka ture obbo Xurunaan nutti himaniiru.
''Obbo Jawaara deebii Boordii filannoof ibsinu nuun gaheera. Seera biyya keenyaa tokko tokko qorannee deebii keenya boordichaaf kennuuf bulchine malee hanga Amajjii 29 deebii ni kenninaaf.''
Obbo Jawaar Mohaammad labsii dhimma lammummaa ilaalchisuun bara 2003 Gaazexaa Nagaarit irratti bahe bu'uureffachuun lammummaa Itoophiyaa isaa haaromfachuu nu mirkaneesseeraa jedhu obbo Xurunaan.
Labsii 378/2003 baherra keewwatni 22 lammummaa Itoophiyaa deebisanii argachuuf wantoota guutamuu qaban haasa'a.
Namni Lammii Itoophiyaa tureefi boodas karaa seeraa lamummaa biyya Ormaa argate lamummaa isaa Itoophiyaa argachuuf:
1. Itoophiyaatti deebi'ee dhufee jireenya isaa idile gaggeessuu eegaluu
2. Lamummaa isaa biyya Ormaa deebisuu ykn dhiisuu
3. Lamummaan isaa akka deebi'uuf abbaa taayitaaf yoo iyyate lamummaa isaa Itoophiyaa argataa jedha.
Bu'ura seeraa kanaan obbo Jawaar Mohaammad ulaagaawwan sadan labsii Kanaan eeraman guutee waan jiruuf lammii Itoophiyaati jedhu obbo Xurunaan.
Kanaan alatti wanti seerri gaafatu hin jiru kan jedhan obbo Xurunaan, kanuma bu'uureffachuun Boordii Filannoof deebii isaanii yeroo gabaabduu keessatti akka barreessan himaniiru.
Gaffiin kun si'a lammataaf dhiyaachuun isaa obbo Jawaariin miseensa godhatanii filannootti dhiyaachuurratti isaan yaaddessee akka hin beeknes nutti himan.
''Dhugaa dubbachuuf obbo Jawaariin filannootti ni dhiyeessina moo hin dhiyeessinu kan jedhuun wanti nu yaaddessu hin jiru. Jawaariin hin dhiyeessine yoo ta'e eenyuun dhiyessina'' jedhan.
Gaaffin Boordiin kun irra deebiin dhiyeesse gaaffii idilee fi labsiirratti hundaa'ee dhiyaate waan ta'eef dhiibbaa qaama biraati amantaa jedhu hin qabnu jedhan obbo Xurunaan.
Torban muraasa BBC waliin waayee hirmaannaa siyaasaa isaa idilee KFO waliin jiru irrattii haasa'ee kan ture obbo Jawaar filannoo bara kana gaggeefamurratti hirmaachuurraa seerri isa dhorku akka hin jirree wanti na danqa jedhee itti yaaddahu hin jiru jechuun dubbatee ture.















