Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Iyyaruusaaleem magaalaa guddoo adda hin qoodamne Israa'eeliiti" Donaald Tiraampi
Pireezidaant Donaald Tiraamp biyyoota Baha Giddu Galeessa nageenyirraa fagaateef karooraa guddaa harka qaba jedhaa turan. Kunis 'karoora nagaa jabaa bara kanaa' ifa kan godhan garuu kaleessa galgala Beenjaamiin Neetaanyaahuu waliin ta'uudhaan.
Pireezidaantiin Paalistaayiin Mohaamud Abbaas garuu achi hin turre. Qaamni Palaastaayiinin bakka bu'us bakka san hin turre. Tasa ta'ee bakka buutoonni Omaaniifi Arab Emireetis argamaniiru ta'uu danda'a.
Karoora namoonni hedduu Israa'eeliif kan loogedha kan jedhan irratti xiyyeeffannoo addunyaa ta'ee ture.
Karoorri Donaald Tiraamp biyya bilisaa Paalistaayiin kan hayyemu ta'us iddoowaan seeraan alaan Israa'eelidhaan qabamaniif beekamtii kan kennudha.
Donaald Tiraamp "karoorri amma qabadhee dhufe kun yoo bu'aa hin buufne wanti biraa bu'aa buusuu hin danda'u" jedhaniiru.
Pireezidaantiin Paalistaayiin Mohaamud Abbaas kun "sadoodha" jechuun karoora nageenyaa kana guutumatti kuffiisaniiru.
Ifa godhamuu karooraa kanaa irratti pireezidaant Abbaas miidiyaa Raahmaal waliin turtii taasisaniin "Tiraampiifi Naataanyaahuu waan jedhu qaba; Iyyaruusaalam gabaadhaaf hin dhiyaattu," jechuun dubbataniiru..
Dubbii kana akka dubbataniif kan isaan taasise eega Tiraampi diinagdee Paalistaayiin haala hamaa keessa jiruuf Paalastaayiiniif maallaqa investimantii seenaa keessatti argitees dhageettees kan hin beekne ni kenninaaf jedhaniidha.
Sanada 'nageenyaa jaarraa kanaa' kan ol'aantummaadhaan namoota keessatti hirmaatan keessaa abbaan warraa intala Tiraamp, Ivaankaa Tiraamp Joorji Kushinardha.
Eega sanadni kun ifa godhame booda magaalonni biyyoota Arabaa hedduun hiriira mormii taasisaa kan jiran yoo ta'u Gaazaa keessatti mormitoonni suuraa Tiraamp gubaa turaniiru.
Xiinxaltonni siyaasaa tokko tokko karoorri kun yeroo kanatti ifa kan godhame osoo beekamudha jedhaniiru.
Doonaald Tiraamp dhimmasaanii seeneetii biratti ilaalamaa jiru irraanfachiisuuf; Naataanyaahuun immoo himannaa malaanmaltummaa isaan irratti baname xiyyeeffannoo namoota maqsuufi filannoo dhufurratti morkattootasaanii haala salphaadhaan injifachuuf filataniiti kan karoora kana ifa kan godhan jedhu xiinxaltoonni.
Israa'eelitti ambaasaadara Ameerikaa kan ta'an Deevid Firiidimaan garuu yaada kanaan walii hin galan. Yeroo karoorri kun ifa itti ta'e taatee siyaasaa kamuu waliin hidhata hin qabu jedhan. Karoora kanarratti yeroo dheeraadhaaf irratti hojjachaa turre jedhan.
Karoorri kun Israa'eeliif looga wantoota jechisisan keessaa tokko Weest Baank'tti iddoowwan Israa'eeliin seeraan ala to'ataman seera qabeessa godhamuusaaniiti.
Bakkeewwan Israa'eeli humnaan to'annaashee jala galchiti kanatti lammiileen Israa'eel walakkaa miiliyoonaa mana ijaarratanii keessa jiraatu. Akka seera addunyaatti Weest Baank lafa Israa'eel seeraan ala qabattetti yaadama.
Gamtaa Awurroppaa dabalatee hawaasni idil-addunyaa ilaalcha kanaan adda ta'e hin qabu.
Sanadni jaarraa kanaa maal of keessatti qabateera?
Sanadichi gabaabumatti wantoota armaan gadii of keessaa qaba
- Ameerikaan walabummaa Israa'eelfi bakkeewwan Israa'eel kanaan booda to'achuuf taatu dabalatee ni mirkaneesitiif
- Qaama lafa Paalistaayiin kan taasifaman lafti xiqqoo ni jiraata. Paalastaayiin biyyaa gaafa taatu baha Iyyaruusaleemitti magaalaa guddoo ni qabaatti. Ameerikaanis embaasiishee achitti ni banti.
- Iyyaruusaleem magaalaa adda hin qoodamneefi mormiif hin dhiyaanne magaalaa guddoo Israa'eel taati.
- Lammiileen Israa'eelis ta'an Paalistaayiin qe'eesaaniirraa hin buqa'an. Kana jechuunis namoonni karaa seeraan alaan Weest Baank qubatan seera qabeessa ta'uun itti fuufu ta'u jechuudha.
- Israa'eel Yoordaanositti eegdummaa mootii waliin ta'uun naannoolee amantii Kirstaanaa biratti bakka guddaa qabaniifi Masjida al-Aqsaan dabalatee waliin bulchu. Bakkeewwan qulqulluu kunneen lammiilee kamiifiyyuu banaa ni ta'u.
- Bakkeewwan Paalistaayiiniif kennaman waggoota afuriif ijaarsa Israa'eel kamiiyyuurraa bilisa ni ta'u. Yeroo kanattis Paalistaayiin karoora nageenyaa kanatti yaaddee Israa'eel faana waliin dubbattee biyya akka ijaarattu ni eegama.
Karoorri fuula 80 qabu kaleessa Waayit Haawus keessatti yeroo ifa godhamu aanga'oon gurguddoo Ameerikaafi Israa'eel argamaniiru. Karoorri lafasaaniirraa buqa'anii jireenya baqaatiin biyyoota biroofi kaampii baqattootaa kan jiraatan lammiilee Paalistaayiin miiliyoona jaha ta'an irratti wanti jedhame jiraachuusaa wanti jedhame hin jiru.