Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gondaritti shakkamtootni garee lamaan ayyaana Cuuphaa irratti dhohinsa guddaa raawwachuuf qophaa'an to'ataman
Gondaritti shakkamtootni garee lamaan ayyaana Cuuphaa irratti meeshaalee waraanaa dhoosuu fi dhukaasaan namoota irra miidhaa geessisuuf qophaa'aa turan jedhaman to'annoo jala ooluu Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa ibseera.
Naannoo Amaaraa magaalaa Gondaritti ayyaana cuuphaa bara kana kabajamu irratti dhukaasaa fi meeshaalee biroo dhohaniin miidhaa guddaa dhaqqabsiisuuf gareen lama qophii irra ture hordoffii humna tikaa fi odeeffannoo biyyaalessaan to'atamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.
Shakkamtootni to'ataman boombii F1 jedhamu afur fi rasaasa 200 waliin tahuus himameera.
Tajaajilli Odeeffannoo fi humni Tikaa Biyyaalessaa qaama miidhaa guddaa dhaqqabsiisuuf socho'aa ture jedhamu kana eenyu akka bobbaase adda baasuun akka ibsu himuun, yoo haleellaa kana raawwatan magaalaa Finfinneetii mana jireenyaa fi maallaqa guddaan akka isaaniif kennamu waadaa akka galameeruuf mirkaneeffanneerra jedhan.
Tumsa humna tikaa biyyaalessaa, humna nageenyaa Naannoo Amaaraa fi uummataan shakkamtootni to'annoo jala ooluu ibseera. Ammas karaa nagaa gutuu qabuun akka kabajamuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Ayyaana Cuuphaa bara kana bakka garaagaraatti kabajamu irratti gochaa wal fakkaataa raawwachuuf kan qophaa'an jiraachuu waan danda'aniif uummatni humna nageenyaa naannoo isaa waliin of eeggachuu akka qabus akeekkachiisaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa Wiixata dhuftu gaafa Amajji 20,2020 akka guutuu biyyaatti kabajama.
Haaluma wal fakkaatuun Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee kaleessa shakkamtoota 396 hanna konkolaataa, daddabarsa meeshaa waraanaa fi maallaqaa akkasumas weerara lafaan shakke jedhu to'annoo jala oolchuu ibseera.