Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaan humna galaanaarratti raawwatameen walqabatee Ameerikaan loltoota Sawudii 21 biyyasheetii baafte
Miseensonni waraana Sawudii 21 ta'an erga miseensi leenji'aa tokko haleellaa buufata waraanaa Ameerikaarratti ji'a darbe raawwateen booda Ameerikaa keessaa akka bahan taasifaman.
Loltoonni Sawudii leenjiirra jiran ar'aman kunneen garuu nama haleellaa sana raawwate jedhame gargaaruudhaan hin himatamne.
Abbaan Alangaa Ameerikaa Jeneraal Wiiliyaam Baar miseensonni waraanaa kunneen meeshaale garee jihaadistiifi suuralee daa'imman qullaa kaafaman qabatanii turan jedhan.
Haleellaa Mudde 6 raawwatame kanaan loltoonni galaanarra turan sadii ajjeefmanii saddet ammoo madaa'anii turan.
Haleellaa sun erga qaqqabeen booda leenjiin Ameerikaan loltoota Sawudiif kennitu akka dhaabbatu taasifameera.
Obbo Baar ibsa wixata darbe kennaniin haleellaan Penisakolaa irratti raawwatame kun "hojii shorokkeessitootaati" jedhaniiru.
Bililbiloota 'iPhone' lama kan namicha haleellaa raawwatee sanaa akka banamuuf Apple gaafachuus dubbatu aanga'aan kun.
Hidhataan haleellaa qaqqabsiise kun ragaa balleessuuf bilbila tokkorratti dhukaaseera jedhan Baar. Ta'us garuu qorattoonni FBI bilbilicha akka hojjatu taasisaniiru.
"Dhaabbanni 'Apple' bilbila nama rasaasa dhukaasee akka nuuf banu gargaarsa gaafannee ture," jedhan Obbo Baar. "Hanga ammaatti dhaabbanni 'Apple' gargaarsa guddaa hin kennineef."
Dhaabbanni 'Apple' akkaawuntii nama rasaasa dhukaasee san FBI'f kenneera jechuun 'New York Times' gabaaseera ta'us garuu bilbilcha banuuf hayyamamaa hin taane.
Dhaabbanni teeknooloojii kun kanaan dura bilbila nama shorkeessummaan shakkamee akka banu gaafatamuusaatiin 'FBI' waliin atakaaroo keessa galee ture.
Haalli walfakkaatuu uumamee 'FBI' n bilbila nama haleellaa Kaalifooriniyaatti raawwatee gargaarsa dhaabbata kanaatiin ala banuu danda'uusaatiin waldhabdeen akkanaa 'FBI' fi 'Apple' faanaa osoo hin mudatin hafeera.
Abbaan Alangaa Waliigalaa akka jedhanitti miseensota waraanaa akka biyyaa bahan taasifan keessa 17 kan ta'an meeshaa shorokkeessitootaafi suuraalee daa'imanii hedduu qabatanii turan jedha.
"Isaan keessaa miseensi tokko suuraalee heddu qaba," jedhan Obbo Baar.
Abbaan Alangaa kun miseensonni leenjifamtoota waraanaa Sawudii 21 kunneen leenjiirraa dhorkamanii Wixata darbe gara biyyaatti deebiyaniiru. Leenjifamtoonni kunneen qorannoo FBI taasisaa ture haalaan gargaaraniiru jedhan.
Obbo Baar dabalataanis Sawudiin qorannoo kanarrtti gargaarsa "guutuu" kenniteetti jedhan.
Obbo Baar dabalataanis miseensonni leenjiirra turen kunneen yakka tokkoonillee himannaan akka irratti hin banamne himanis yoo gara biyyasaaniitti deebi'an himannaan irratti banamuu akka danda'u ibsaniiru.
Ameerikaa keessatti miseensonni waraana Sawudii leenjii waraanaa fudhataa jira 850 ol ni ta'u.
Qorattoonni akka jedhanitti, Leetenaal Mohaammad Alshamraanii guyyaa haleellaa dura sagantaa irbaataarratti viidiyoo waraanaa ilaalaa ture jedhan. Qawween mm9 dheeratu kun karaa seeraa alaatiin bitame.
Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa kan ta'an Roobart O'Bireen 'Fox News'tti akka himanitti Peentaagoon miseensota waraanaa Sawudii leenjiirraa jiran gara biyyasaanii deebisuuf akka murteessan dubbatan.
Buufanni leenjii Peensaakolaa kun wiirtuu leenjiin waraanaa lammii biyya biroof itti kennamuudha. Paayileetonni Sawudii bara 1995 irraa kaasanii lammiilee biyyoota biroo kan akka Xaayilaan, Singaappooriifi Jarman waliin asitti leenji'u.
Haleellaa ji'a darbee booda qondolli wirtuu leenjii kanaa akka jedhanitti, leenjitoonni idil-addunyaa 200 ta'an achitti leenji'u.
Akka marsariitii kanaatti loltoonni waraanaa 16,000fi namoonni hojiilee loltummaan ala irratti hojjatan 7,400 ta'an wiirtuu kanatti mindeeffamanii hojjatu.