'Dhiironni dhiiga yoo naaf hin kennine qaroo koo nan dhaba'

Joo Daani'eels

Madda suuraa, NHS

Dubartiin dhiironni dhiiiga gahaa tahe yoo hin arjoomne qaroo ishee dhabuuf jirtu akka baayyeen isaanii dhiiga kennan waamicha dhiyeessite.

Joo Daani'eel nama ganna 39 yoo taatu dhukkuba Shogriin Siindaram jedhamu qabdi, kunis xannacha imimmaan miidhuun koorniyaan ijashee akka dhukkubsatu taasisa.

Qorichi isheen ijatti godhattu dhiiga dhiirotarraa kan hojjetame yoo tahu qaroonshee akka hin banne gargaara.

Ingilaanditti bara darbe arjoomtota dhiigaa haaraa keessaa dhiiroti harka 41 qofa turan.

Elemantiin Ayiranii dhiiga dhiirotaa keessatti argamu dhukkubsattoota dhiigi isaanii guyyaa guyyaatti geeddaramuuf addatti barbaachisa.

Dubartoonni antiiboodiin (pirootiinii dhiigaa vaayirasii, baakteeriyaa fa'i kan qabuufi qaama keenyaan lolamu kan yeroo ulfaa maddisiisu) kunimmoo dhiigni isaanii nama biraaf guutummaan guutuutti akka hin kennamne taasisa daa'imman reefu dhalatan dabalatee.

'Yeroo dukkanaa'

Jireenyi Joo rakkoo keessa kan galuu eegale yeroo iji ishee arguu dadhabee lafatti itti dimismisaa'e dha.

''Qaroon arguu otoo hin dadhabiin dura ija keessa na hooqsisa ture jechuun BBC tti himteetti.

Torbee tokko keessatti lafti natti dimismisaa'uurra ciraadhumasaa natti dukkanaa'uu jalqabe.''

''Akka dafee gargaarsa hin argannellee yeroo ayyaana Qillee ture kan sirriitti na dhukkubuu jalqabe.''

''Intala koo ishee eegoo yeroo isheen naa guddattu hin argu jechuu dhaa jedheen yaadda'een ture,'' jetti.

Yaaliin irra deddeebiin kenname hojjechuu didnaan ''qaroo koo deebisee hin argadhuu,'' jechuun yaaddoftee turte.

Haa tahu malee dhangalaa'aa dhiiga dhiirotarraa hojjetamu argachuun ishee abdii kenneeraafii.

''Amma arguu nan danda'a sababiin isaammoo dhangala'aa dhiiga dhiirota arjooman irraa argamutu iji koo sa'aatii dhaan akka ilaalu na taasisa.''

Dhiira dhiiga kennnaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

''Dhiiroti dhiiga gahaa yoo hin arjoomne yaaliin koo kun ni dhaabbata, kanaanis qaroo koo na dhaba,'' Joon

Shogriin Siindaram kutaa qaamaa dhangala'aa kanneen akka imimmaanii fi gorora maddisiisan miidha.

Dhukkubicha namoota umuriin isaanii 40-60 jiran irratti mul'ata.

Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessa UK dhiigni dhiirotaan arjoomamu harka 26 akka dabaluuf karoorfateera.Kunimmoo garaagarumma saala gidduu jiru hir'isuuf gargaara.

Dubartoota 100 dhiiga barbaadaniif dhiirota 70 qofatu dhiiga kenneef

''Bara kana dhiirota 68,000 kan dhiiga arjooman barbaanna,'' jedhu hogganaan Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa.

''Dhiigni dhiirota lubbuu baraaraa dha garuu dhiirota ga'aa dhiiga kennan hin qabnus,'' jedhaniiru