Itoophiyaa: Akka seera haaraa baheetti eenyu meeshaa akkamii hidhata?

Wixineen labsii Meeshaa waraanaa bulchuufi to'achuu Amajji 09, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyaatee raggaasifameera.

"Dhaabbanni to'atu" jedhamu Poolisii Federaalaa Itoophiyaa ykn Komishinii Poolisii naannolee bakka bu'ummaan kennameef kutaa to'annoo meeshaa waraanaa biyyaalessaa of jalatti gurmeessee seera labsame kana hojiirra oolcha.

Seerri kun maal jedhaa? Eenyu meeshaa akkamii hidhachuu danda'aa?

Nama dhuunfaatiif meeshaa waraanaa salphaa ta'eefi tokko qofaadha. Dhaabbileetiifis ta'u meeshaan waraanaa hayyamamuuf kan salphaa ta'ee yoo ta'u kan irratti ibsi bal'aafi rasaasa meeqa waliin akka ta'u qajeelfama dhaaba to'atuun murtaa'a.

Meeshan waraanaa hayyamni akka ba'uuf gaafatame kan kanaan dura maqaa nama biraatiin hayyamni itti hin baaneefi meeshaan waraanaa sun yakki ittiin hin raawwatamiin ta'uu qaba akka seera haaraa kanaatti.

Hayyama kennuuf ulaagaawwan barbaachisan

  • Umurii dhaabni ta'atu baasi kan guutu, teessaa dhaabbataafi galii ittiin bulu kan qabu
  • Lammii Itoophiyaa kan ta'eefi Itoophiyaa keessa jiraachuuf hayyama kan qabu
  • Meeshaa waranaa qabachuu waliin seerotaafi dirqamoota jiran kan ba'achuu danda'u
  • Hayyama meeshaa waranaa haaromsuudhaaf kaffaltaa barbaachisu kan kaffaluu danda'u
  • Bulchiinsa naannoo jiraaturraa nama naamuusa gaarii qabu ta'uu isaa xalayaa deggersaa dhiyeessuu kan danda'uu, kanneen jadhan ulaagalee hayyama kennuu keessatti argaman ijoodha.

Gochawwan dhorkaman

Akka labsii kanaatti nama hayyamameef alatti namni kamiyyu osoo hayyama mirkaneeffameef hin qabaatiin meeshaa waraanaafi qaama meeshaalee jijjiirraa yookaan ammoo wantota meeshaalee waraanaa waliin hojiirra ooluu danda'an hunda gara biyya alaatti baasuufi galchuu, qabachuu, kuusuu, fayyadamuu, daldaluu, gurguruu, bituu, namaaf dabarsuu, daddabarsuu…kanneen jedhan gochawwan dhorkaa ta'an keessaati.

Bakkeewwan meeshaa waraanaa qabatanii argamuun dhorkaa ta'an:

  • Hiriira nagaa ykn bakkeewwan mormiin itti gaggeefamanitti
  • Bakkeewwan filannootti
  • Hoteela, manneen siniimaa, muuziyeemiiwwaniifi bakkawwan bashannanaa hawaasaa kana fakkaatan
  • Mooraa mana barumsaafi dhaabbilee amantaa keessatti
  • Hospitaala, waajiraalee . . . bakkawwan tajaajilawwan hawaasaa itti kennaman kan eeramanidha.

Meeshaa hidhatanii bakkeewwan harmaan olitti tarreeffaman kanneen seenuudhaaf yoo yaadame dursa meeshaa waraanichaa hojjetoota eegumsaa dhaabbatichaatti galii taasisuu barbaachisa.

Dhaabbileen hayyamni meeshaa waraanaa hin kennamneef:

  • Paartii siyaasaa,
  • Dhaabbilee amanataa,
  • Dhaabbilee tol-ooltummaafi waldaaleen hawaasaa, akkasumas
  • Dhaabbileen barnootaadha

Dhaabbileen harmaan olitti tarreeffaman kunneen meeshaaleen waraanaa eegumsaaf isaan barbaachisuun alatti meeshaa waraanaa kamiifiyyu hayyamni hin kennamuuf.

Qaamoleen hawaasaa barmaatumaan hidhataniif hayyama kennuu ilaalchisee

Namoonni naannoo barmaatumaan meeshaan waraanaa itti qabatamu ta'aniifi meeshaa waraanaa qabatan, hanga labsii kanaan kan hin dhorkamne ta'etti yeroo waggaa tokkoo keessatti dhaabbanni to'atu naanoo isaaniitti argamuudhaan yeroo galmeessuuf baasan keessatti qaamaan dhiyaachuun yeroo hayyama gaafatanitti nama tokkoof meshaan waraanaa tokko ni hayyamamaaf.

Meeshaan waraanaa yeroo kenname keessatti hayyamni itti hin ba'iin qaama to'atuuf galii ta'a. Hordoffiidhaan meeshaan argame ammoo ni fudhatama.

Sirna hayyamni meeshaa waraanaa itti haaromfamu

Namni hayyam ni meeshaa waraanaa kennameef kamiyyu yeroon tajaajila hayyamaa itti dhumuun uyyoota 60 dursuun gaaffii haaromsuu dhaaba to'atuuf dhiyeessuun irraa ni eegama.

Dhaabbanni to'atu kunis akkuma gaaffiin dhiyaateefiin saffisaan ulaagaaleen hayyama kennisiisan guutuu mirkaneeffachuun hayyamicha haaromsaaf.

Hayyama meeshaa waranaa haquufi irraa fudhachuu

  • Meeshaa sanaan yakki raawwatamuu isaa mana murtiin yoo mirkanaa'eef ykn namni hayyamaan hidhatee jiru seerota jiran yoo cabsee argame
  • Abbaan hayyamaa yoo du'e, teessoon isaa yoo kan hin beekamne ta'e ykn seeraan ykn seeraan dandeettii isaa yoo dhabe
  • Meeshaan waraanaa sun sababoota gara garaatiin to'annoo abbaan ala ta'uun isaa yeroo beekamu kanneen jedhan keessatti argamu

Dirqamoota itti fayyadama meeshaalee waraanaa

  • Nama kamiyyu akka labsichaatiin hayyamni kennameef
  • Yeroo meeshaa waraanaa sana qabatutti waraqaa hayyamaa waliin qabachuu
  • Baayyisa rasaasaa hanga hayyamamefiin olitti al tokkotti qabatee argamuu dhiisuu
  • Hanga danda'amaa ta'etti meeshaa waraanaa sana haala ifatti hin mul'anneen qabachuu
  • Meeshaan waraanaa sun yeroo yaratutti, badutti, hatamutti, batamutti ykn haala kamiiniyyu to'annoon ala yoo ta'utti dhaaba to'atutti atattamaan beeksisuu
  • Meeshaa waraanaa haala kamiiniyyu nama biraatti dabarsanii kennuu dhiisuu, ergisuu dhiisuu

Aangoofi hojii dhaabbata to'atuu

Bu'uura labsichaatiin aangoofi akka hojjetuuf dhaabbata to'atuuf kan kennamaniif keessaa:

  • Hayyama ni kenna
  • Nagaafi tasgabbii ummataaf sodaachisaa ta'ee yoo argame nama meeshaa waraanaa hayyama qabus ta'e kan seeraan alaa hidhatee jiru ni hiikkachiisa, irraa ni fudhatas.
  • Karaa dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaatiin akkaataa labsii kanaatiin meeshaaleen waraanaa biyya alaatii galchuu, kuusuu, daddabarsu, gurguruu… hojiiwwan jedhan akka hojjetaniif hayyama ni kenna.

Itti-gaafatama yakkaa

Keewwan Seera Yakkaa 481 akkuma jirutti ta'ee, namni kamiyyu dhorkaafi dirqamawwan labsii kanaan kennaman cabsee argame hidhaa waggaa tokkootii hanga hidhaa waggaa sadii, akkasumas qarshii kuma shanii hanga kuma kudhaniitiin ni adabama.

Meeshaa waraanaa yakkawwan hedduun ittiin raawwataman yoo ta'e ammoo addabbiin isaa hidhaa cimaa wggaa shaniitii hanga waggaa kudhanii, akkasumas qarshii 50,000 hana 100,000 adaabsiisa.

Namni meeshaa waraanaa seeraan hayyama itti baafate kan gurgure, kan qabsiisiif fayyadame , kan kireesse ykn ergisaan qaama sadaffaatti kan dabarsee kenne kamiyyu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen adabama.