Arraba furdaa qabaachuun 'yeroo hirribaa dafnee dafnee akka hargannu taasisa'

Dhibeen hirriba waliin wal qabatee dhufu namoonni yeroo hirribaa daddafanii akka hafuura baafatan taasisu arraba furdaa qabaachuurraa dhufa jedha qo'annoon.

Namoonni yeroo hirribaa rakkoo hargansuu qaban yennaa furdina hir'isan achumaan arrabni isaanii furdachuun haala hirribaa isaanii irratti rakkoo fida.

Yeroo baayyee namoota furdaatu arraba guddaa fi furdaa qaba.

Namoonni biroo arraba furdaa qabanillee dhibee kanaaf saaxilamoo dha jedha gareen qorattoota Peenslaavaaniyaa.

Qorattoonni kunneen amma nyaata kamtu arraba qal'isuu danda'a kan jedhu qorachaa jiru jedha.

''Arraba keenyaan nyaanna, arraba keenyaa waliin hafuura baafanna- akkamiin faatiin achitti kuufamuu danda'e? isa jedhuuf, DR Riichaard Shiwaab Mana Barumsaa Medisinii Pireelmaan, Peeniyslvaaniyaa irraa, ''kuni nuufis ifa miti- waan sanyii dhaan dhufuu danda'u tahuu mala -garuu arrabarra faatiin xiqqoo dha taanaan yeroo rafnu arrabni keenyi hin kufu,'' jedhan.

Dhibeen hirribaa waliin wal qabatee dhufu kun kurrufnu, yeroo hargannu sagalee nama jeequ akka baasnuufi gara malee akka sosochoonu nu taasisa jedha.

Kun immoo yeroo guyyaa hirribni akka nutti dhufuufi jireenya gaarii qabaachuu irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a jedha.

Daandii qilleensaa arraba keenya gararaa jiru walakkaan ykn guutummaan guutuutti cufamuun dhibee isa guddaa dha.

Namoonni furdina gara malee qaban, morma guddaa qaban kanaan rakkatu jedha.

Dhibee kana akkamiin ofirraa ittfna

  • Furdina gara malee qabna taanaan hir'isuu
  • Cinaachaan rafuu fi boraatii gaarii filachuu
  • Xuuxuu dhaabuu
  • Do not drink too much alcohol, especially before bed
  • Alkoolii gara malee tahe hir'isuu, keesumaa rafuun dura.
  • Qoricha nama raffisu yoo hakiimaan ajajame malee fayyadamuu dhiisuu.

Qorattoonni Mana Barumsaa Medisinii Pireelmaan, Peeniyslvaaniyaa irraa namoota furdoo 67 rakkoo hirribaa qabaniifi ulfaatina harka 10 hir'isan yeroo qoratan %30 fooyya'insa agarsiisaniiru.