Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barnoota Olaanaa Itoophiyaa: Yuunivarsiitilee keessatti barattootni 170 adabamuun 500 ol akeekkachiifaman
Qorannoo erga gaggeessee booda barattotni 170 yoo adabaman 500 ol ammoo akeekkchiifamuu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabilee Barnootaa ol-aanoo beeksise.
Ministeerichatti daarikterri Komunikeeshinii Obbo Dachaasaa Gurmuu ragaa hanga ammaatti qabnuun barattootni 170 waggaa tokkoo hanga umurii guutuutti barnootarraa ittifamuun akka adabaman murtaa'eera jedhan.
Barattootni 500 ol tahan ammoo akeekkachiisa xumuraa mallatteessuun akka gara barnoota isaaniitti deebi'an taheera jedhan.
Dabalataan hojjettoota bulchiinsaa 256 ol tahan irratti tarkaanfiin fudhatamuu kan himan Obbo Dachaasaan ragaan kun hanga kaleessaatti kan jiru tahuu ibsuun lakkoofsi isaa dabaluu akka malus dubbatan.
Pirezidaantiin Yuunvarsiitii Dirree Dhawaa aangoo isaanii irraa kaafamuun nama biraan bakka buufamaniiru.
Sababni tarkaanfii kanaas pirezidaantichi rakkoo fayyaa kan qabanii fi bulchiinsas gahumsa guddaan bahachuu waan hin dandeenyeef akka tahe himaniiru Obbo Dachaasaan.
Bulchiinsi yuunivarsitii Dirree Dhawaa rakkoo nageenyaa uumamaa ture keessaa harka qaban jiru oduu jiru ilaalchisee jiraachuu danda'u jedhanii ammallee qoratamee tarkaanfiin kan itti fufu tahuu himan.
Yuunvarsiitii Dirree Dhawaa keessatti tibbana barataan Yihunee Alamaayyoo jedhamus akka ajjeefame ibsamee ture.
Yuunvarsiitiin Jimmaas barattootaa fi barsiisota rakkoo nageenyaa uumaniiru jedhe irratti tarkaanfii fudhachuu beeksiseera.
Adabbiin fudhatamaa jiru kun rakkoo nageenyaa yuunivarsiitillee keessatti uumamaa tureen lubbuun namootaa darbuu fi qabeenyi manca'uu hordofee namoota harka keessaa qabu jedhaman irratti akka tahes himaniiru.
Haa tahu malee adabbiin kun namoota nagaa miidhuu hin danbda'uu? gaaffii jedhuuf qorannoo gadi fagoon gaggeeffamera jedhan.
Barsiisotni walii isaanii kan saaxilanii fi barattoota keessaas bifuma kanaan adda bahaniiti tarkaanfichi akka fudhatamu kan tahe jedhan.
Tarkaanficha kan fudhate yuunvarsiitota tahuu himanii koreen qindaa'ee ministera Saayinsii fi Dhaabbilee Ol-aanoo irraas keessatti hirmaachuu himan. Nmni komii qabu garuu iyyachuu danda'a jedhan.
Adabbin kun kan itti fufu tahuus himaniiru Obbo Dachaasaan.
Yuunivarsiitiiwwan akka Waldiyaa fi Walloo keessatti barattootni Naannoo Oromiyaa irraa deeman muraasni ajjeefamaniiru.
Haa tahu malee adabbiin kun yuunivarsiitii Waldiyaa irraa hin dhagahamne.
Obbo Dachaasaan hanga ammaatti gabaasa kan nu dhaqqabsiisan yuunvarsiitii Walloo fi Gondar tahuu himanii waan hin xumurreef hanga ammaatti gabaasa nu hin geesisne jedhan.
Yuunivarsiitiileen akka Odaa Bultum, Dirree Dhawaa fi kaanis barnoota dhaabanii jiru.
Barattoota naannoo Oromiyaa naannoo Amaaraatti ramadamanii yaaddoo nageenyaan gara maatiitti deebi'anii maal tahuu mala gaaffii jedhuuf Obbo Dachaasaan addatti murteen darbe hin jiru jedhan.
Akka deebi'anii barataniif waamichi taheera jedhanii garuu yeroonis xumuramaa waan jiruuf rakkisaa tahuu mala jedhan.