Isheen Eenyu? 10: 'Qorannoo kootiin dura-buutummaa dubartootaa ifatti baasuun fedha'

Baankii Addunyaa, Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa fa'i waliin tahuun dhimmoota godaansaa, koorniyaa, amantiifi kanneen biroo irratti qorannoo gaggeessiti.

Amma, gulaaltuu Barruu Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa tahuun tajaajila jirti. Yunivarsiitiiwwan Ameerikaa, Jarmanii, Siingaapooriifi Jibuutii keessatti argaman keessatti affeeramuun ni barsiisti, qorannoos gaggeesiti.

Har'a muuxannoofi mudannoo ishee nutti himuuf jirti.

Dhiyaadhaa.

Maqaan koo Meroon Zallaqaa jedhama. Ani kanan dhaladhee guddadhe magaalaa Naqamteettidha. Barumsa sadarkaa duraa mana barumsaa Kaatolikii Naqamteettin baradhe, sadarkaa lammataa immoo waggaa lamaaf Bethel Evangelical Secondary School tti baradheera.

Garuu barnoota kanin xumure as Finfinnee American Mission Girls School lafa jedhamutti.

Jireenya koo isa ijoollummaaf madaala guddaan nan kenna keesumaa mana barumsaa koofii barsiisota koo Naqamtee turan.

Digrii koo jalqabaa Yunivarsiitii Finfineettin barnoota Seenaan qo'adhe. Barnoota Maastarsii ammoo Soshaal Antiroopolojiitiin hojjedhee, waggaa dhuma sana jiruu dalagaa otoo hin bahiin itti fufeen baradhe, ammas itti fufeen carraa barnoota olaanaa ykn PhD koo Kaaba Jarman Yunivarsiitii Baayiruut jedhamuttin kallattiidhumaan baradhe.

Achii barumsa koo akkuman fixeen gara biyyaattii deebi'ee piroofeesara gargaartuu taheen Yunivarsiitii Finfineetti qacarame.

Ergasii waggaa tokkoof walakkaa ergan barsiisee booda carraa barnoota postdoctoraliif gara Jarmaniitti deebi'een deemee jechuudha.

Bilisummaa baruufi barsiisuu

Saayinsii hawaasaa irratti yeroo hojjettu bilisummaan baruufi barsiisuu rakkoo guddaa ture.

Nuti saayinsii hawaasaa qorannaa. Rakkina hawaasaa isa nuuf gale immoo deebisnee uummataaf barreefamaan dhiyeessina.

Haata'u malee, rakkoo hawaasaa jennee isa nuti kaasnu yeroo baayyee mootummaan kan dhagahuu barbaadu miti. Anis waanan keessa darbe kanuman wal-qabata.

Danqaan inni biraa, hojiin keenya baayyeensaa kan waajjira teessee hojjettu osoo hin taane kan deemtee dirreetti baatee hojjettudha. Inni kunimmoo, ani haadhadha, Ijoollee qabaa, itti-gaafatamummaa maatii waliin wal- rukkuchuunsaa hin hafu.

Fakkeenyaaf, Yunivarsiitii kana illee yoo fudhanne dubartoonni ol bahanii mul'atan lakkoofsaan muraasa. Kunimmoo silumaa ilaalchi loogii hawaasni dhimma dubartootaa irratti qabu akka jabaatu taasisa.

Akkuma addunyaattiyyuu yommuu ilaaltu saayintistoota dubartootaa waan isaan mudatudha. Ammallee dhaabbata Global Young Academy jedhamu jalatti kitaaba barreessaa jirra.

Dhaabichi seenaa saayintistoota addunyaa irra jiran filatanii walitti qabanii baasuuf jiru. Anis Gaanfa Afrikaa irraa keessa jira.

Egaa kuni danqaa tahee hundi keenyi walitti dhufneerra jechuun rakkina jiraachuu agarsiisa. Biyyoota guddataniiru jedhaman Ameerikaafi Awurooppaa keessattillee karaa dheeraa deemtee warra dhiiraa caalaa of agarsiisuun sirra jiraata.

Xiyyeefannoo qorannoo kan kootti yoo deebinu, qorannoon yeroo baayyee waa'ee rakkinaa oddeessa. Animmoo, fakkeenyaaf qorannoo koorniyaa irratti yeroon hojjedhu bakka dubartoonni hawaasa keessatti qaban ifatti baasuuniifi dura buutummaa dubartootaa irrattidha kanan ani xiyyeeffadhu.

Siiqqee yoo fudhanne dubartoonni kan itti miidhaman osoo hin taane isa kaaniinu barsiisaa, sirreessaafi araarsaa kan itti deemanifi mirga isaani ittiin kabachiisanidha.

Aadaafi mirga namoomaa

Dhimmi aadaafi mirga namoomaa yeroo baayyee waan falmii kaasudha. Aadaan mirga namootaa ni jabeessa moo ni laaffisa inni jedhu gaaffi guddaadha.

Akka nama Antiroopooloojii qo'ateettis ta'e dimshaashumatti aadaan gadheefi gaarii hin qabu.

Aadaa keessaa waan bareedaafi nu qaruu danda'uu itti fayyadamuun ittiin guddachuu ni dandeenya.Namooti yoo karaarraa maqsanii hojiirra oolchan malee.

Fakkeenyaaf ani qorannoo koo akkaataa ittiin wal-dhabdee hiikan irrattin naannoo Kamiseetti hojjadheera.

Achitti mana murtii mootummaa caalaa kan sirriitti hojjetan warra Sheekaa/Jaarsummaa warra jedhamni dha.

Egaa namoonni kan mootummaa caalaa warra kana amananii dubbii isaanii qabatanii deemanii itti fayyadamu.

Gama koorniyaatiinis yeroo baayyee aadaan ni miidha jennee kaana taanaan aadaawwan kanneen akka siiqqee hin ilaallu jechuudha.

Dabalataanimmoo, yeroo mirga namoomaatti yeroo dhufu kuni qananii dha kuni dursee dhufuu qaba waan jedhutti hin amanu.

Mirgi namaa waan bu'uuraati malee waan tartiibaan kaa'an miti. Namni mirga isaa malee jiraachuun guutuu isa hin taasisu gatii taheef.

Yeroofi jiruu akkamiin wal siimsiista?

Yeroo koof iddoo guddaan kennaa. Yeroon waan gatii jabeessa dha anaaf.

Dhugaa dubbachuuf garuu lakki homaa rakkinni hin jiru yoo siin jedhe soba dha.

Hundinuu wal-qixa barbaada xiyyeeffannoo , jiruu keerraa xiyyeeffannoo kaaste jennaan karaa gadhiisa, maatiin kees akkasuma.

''Guyyaa keessaa immoo sa'atii 24 waan qabnuuf isa waliin gahuu irratti mala qabaachuu qabna.''

Anaaf qajeelfamni koo inni tokko jiruu koo iddoo jiruu koottin xumureen gala.Yeroo hunda yoo milkaa'uu baateyyuu jechuu dha.

Inni kaan immoo, sanbattan koo keesumaa immoo Sanbata guddaa ijoollee koofi abbaa warraa koo waliin nan dabarsa.

Mucaa koo isa guddaa addatti immoo akka hiriyyaatti ofitti siqsee adeemuuf nan yaalaa.

Dubartoota barumsaan itti fufu barbaadan, milkaa'uun waan hunda nan danda'a jedhanii ka'uu irratti hundaa'a waanti jedheen yaadaa. Kanamalees, wantootaaf ilaalcha gaaarii qabaachuu dha jedheen amana.

Hojii kootti yoo dhufu immoo dubartummaaf dhiirummaan kanaaf na ga'uuf yookiin achirraa na hanqisuuf danda'a jedhee hin yaadu.