Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Finfinneen manneen seeraan alaa diiguun dura jiraattotaan mari'achuufi
Manneen seeraan alaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee aanaalee 116 keessatti ijaaraman diiguun dura jiraattotan mariisisa jedhe bulchiinsi magaalatti.
Waajjirri kantiibaa bulchiinsa magaala Finfinnee weerara lafaa magaalatti keessatti raawwatamaa jiru hambisuuf Amajjii 02 irraa eegalee manneen seeraan alaa akka diiguu eegalu himee ture.
Haa ta'u malee komishinarri komishinii poolisii magaala Finfinnee Geetu Argaaw miidiyaalef ibsa kennaniin dursa hawaasa walin mariin erga taasifamee booda gara tarkaanfiitti seenama jedhan.
Komiishinar Geetuun ibsa miidiyaaleef kan kennan marii kantiibaan magaalaa Finfinnee injinar Taakkalaa Uummaa dhimma kanarratti qaamolee nageenyaa federaalaa, naannoo Oromiyaa, magaala Finfinnee fi hooggantoota waajjiraalee dhimma lafaa naannoo Oromiyaafi kan magaala Finfinnee waliin mari'ataniin booda.
"Kutaalee hawaasaa garagaraa waliin ni mari'atama. Marii taasifamuun boodas kan diigamuu qaban ni diigamu" jedhan komiishinar Geetuun.
"Magaalattiin pilaaniin kan hogganamtu ta'us kutaalee magaalatti 10 keessatti manneen pilaastikaa irraa eegalee ijaarsawwan seeraan alaa gaaragaraa babbal'achaa jiru" jedhu.
Weerarri lafaa fi ijaarsa manneen seeraan alaa kun babal'achuun dabalataan yakkawwan garaagaraas kan itti raawwataman ta'uu odeeffannoo qabna jedhan.
Poolisiin magaalatti aangoo seeraan kennameefitti fayyadamuun hojii seera kabachiisuu akka hojjetu komishinarichi himan.
Seeraa fi heeraa kabachiisu akkasumas yakka magaalattii balaaf saaxilu ni ittisna jedhan.
"Qaamni ijaarsise fi ijaare seeraan ni gaafatamu" kan jedhan Komishinar Geetuun, dallaalota dabalatee qaamoleen weerara lafaa irratti hirmaatan seeratti dhiyeessun tarkaanfin akka irratti fudhatamu himan.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee weerara lafaa seeraan alaa irratti qorannoo bal'aa taasisaa akka tureefi hojiin mannen seeraan ala aanaalee hundatti ijaaraman adda baasuus hojjatamaa turuu himeera.