Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hirriyyoon kee fayyaa keerratti dhiibbaa qabuu?
Jalqaba bara haaraa faranjootaatti namoonni hedduun jireenyaa fayya qabeessa jiraachuuf waadaa ofiif galu.
Namoonni baayyeenis haala soorata isaaniirratti jjjirama taasisuuf, ykn Sanbattanirraa ispoortiiwwan sochii qaamaatiif gargaaran raawwachuuf waada galu.
Haata'u malee, karoorawwan kanneen hojiirra olchuuf gaheen hirriiyoonniiifi miseensoonni maatii waliin dabarsanuu murteessaadha.
Gama biraatinis murteewwan nuti hirriiyootaafi maatii keenya irraa ilaaluun taasiifnu hundi kallattiin fayyuummaa keenya irratti dhiibbaa qabaachu dhiisu malu.
Ta'us garuu hanga tokkoon haala jireenya keenyaa keessatti gahee mataasaa qabaachu malu, keessattuu ammalli namoota garmalee dinqiisiifannuufii jaalannu.
Darbee darbee ammoo sababiidhuma namoota baayyee walitti dhiyaannuutiin kan ka'ee wayita amaloota fayyaa keenyaaf dhiibbaa qabaatan kan akka sijaaraa xuuxuu ykn baayyee soorachuu baruu dandeenya.
Hirriyyaa kee akka garmalee furdattuu si saaxilu danda'aa?
Namoonni yeroo baayyee bakka kenninuufi yeroo baayye wal qunnamnutu walitti dhufeenya hawaasummaa keenya murteessa.
Qorannoon Onnee 'Framingham' bara 1940 irraa kaasuun walitti dhufeenyi hawaasummaa namootaa qabaaturratti Magaalaa Maasichusetiitti jiraattoota 'Framingham irratti dhaloota sadiirratti qorannoo gaggeesseera.
Qorannoon kun akka mul'iseetti, namoonni isaan walitti dhiyaatan yoo baayyee kan furdate ta'ee, namoonni kaanis furdachuun isaan hinoolu.
Akka qorannoon kun jedhuutti hirriyyaa furdatan yoo qabaattee atis furdachuuf carraan jiru % 57 ta'a.
Dhiibbaan kunis yoo kan saala walfakkaatuufi walitti dhiheenya cimaa kan qaban ta'e ammoo caalaa kan mudatu ta'uu hima.
Fakkeenyaaf, ammoo akka qorannoo kanaatti yoo walitti dhiheenyaa cimaa qabaatan malee nama ulfina qaamaa olaanaa qaban guyyaa guyyaan arguudhaan ollaa biraa irratti dhiibbaa hin qabaatu.
Haaluma walfakkaatunis sadarkaan gaa'ila hiikuu, sijaaraa xuuxuufi alkoolii dhuguu karaa hirriyummaafi maatiin kan dadarbuudha.
Bu'aan qorannoo kanaa baayyee barbaachisaadha. Amaloota ykn dhukkuboota daddarboo hin taanee horachuu keessatti namoonni nuti yeroo baayyee waliin dabarsiinu murteessoodha jedha qorannoon kun. Fakkeenyaaf:
- Kan sijaaraa xuuxuu yoo ta'e
- Haala soorata keetii
- Hangam akka sochii qaamaa taasiiftu
- Hanaga dhugaatii alkoolii ati fudhattu
Dhukkuboonni daddarboo akka hin taaneetti himaman kan akka dhukkuba onnee, dhiibbaa dhiigaa, kaansarii, dhukkuba shukkaaraafi dhukkuba sombaa du'aatii addunyaarratti mudatu 10 keessaa torba kan dhukkuboota kanniin dhufu ta'utu himama.
Du'aatii sababii kanaan umamuu keessaa ammoo %90 UK keessatti akka mudatu qorannichi kaa'eera.
Miirrii ni hawwatama
Walitti dhufeenyi hawaasummaa keenya amalaafi miira keenyarratti dhiibbaa mataasaa qabaachu mala.
Fakkeenyaaf, dargaggoonni sijaaraa xuuxan yeroo baayyee beekkamtii argachuuf jecha raawwatama jedhameera.
Yoo namni baayyee dinqiisifatamu tokko kan xuuxu ta'e lakkoofsi namoota xuuxanii ni dabala.
Akkasumas, dargaggoonni hirriyoonni isaanii miira mukaa'uu qabaataniif, isaaniif miira walfakkaatu uummatu jedha.
Haalli kun booda keessa dargaaggo ykn guddattoota balaa fayyaa gara cimaatti geessuuf saaxilu danda'a.
Yaadni miirri ni hawwatama jedhu kunis qorannoo dhoksaan fayyadamtoota Feesbuukii kuma 700 irratti iccitiin gaggeefameen kan deegarameedha.
Qorannoon kunis waan fayyadamtoonni Feesbuukii fayyadaman irratti hundaa'uun maxxansawwan algorithm (guutummaa odeeffannoo waa'ee namoota fayyadamanii kan agarsiisu) hiriyyoota Feesbuukii isaanii irraa isaaniif dhiyyeessu xinxaleera.
Kana mirakkeeffachuufis xinxala adda addaa lamatu gaggeefame. Tokko fayyadamtoonni akka maxxansawwan miira gaarii hin argannee taasifaman. Kan hafan ammoo akka maxxansawwan miira hamaa qaban hin argineef dhorkaman.
Isaan boodas kanneen maxxansawwan miira gaarii ilaalan irra caalaan isaanii maxansa miira gaarii qabu maxxansuu. Kanneen maxxansa miira hamaa qaban ilaalan ammoo maxxansa isuma fakkaatu maxxansu.
Kunis miirri wal quunnamtii qaamaan taasifamuun alatti karaa midiyaalee hawwasummaatiin akka darbuu kan mulliseedha jedhameera.
Billaachawwan Hawaasaa
Yoo amala hirriyyaafi kan maatii kan saaxilamnu ta'e, akkamiin haala kanan waan gaariif olfachuu dandeenyaa laata?
Biyyoota guddatan adda addaa keessatti haalliwwan ittiin sadarkaa hawaasaatti waan isaan irratti dhiibbaa qabatan irra itti of dhorkan ni jira.
Fakkeenyaaf, 'Dry January and Veganuary' jechuun namoonni wayita dhugaatii alkolii irraa of qusachuuf yaalan ni dhagahamu.
Akkasumas Ingilaandiitti 'Stoptober' jechuun wayita namoonni hedduun baatii Onkololeessaa keessa sijaaraa xuxuu dhaabuuf wayita of qusachuuf yaalan mullatu.
Tarkaanffiiwwan hawaasummaa akkasi kunneennis bara 1912 irraa kaasee bu'aa gaarii akka galmeesse himama.
Namoonni waan fayyaa isaanii irratti dhiibbaa qabu yeroo miliyoonaaf yaalii taasisanii dadhaban illeen, waliin yoo yaalan sadarkaan dhaabuu olaanaa ta'uu hubatameera jedha.