Isheen Eenyu? 9: 'Balasii irraa maarmaalaatii qopheesseen hawaasa waan haaraa barsiise'

Maqaan koo Tsaggaa Gabirakidaan jedhama. Nama bultii ijaareefi haadha ijoollee lamaati.

Tigraay magaalaa Hawuzeenitti dhaladhee ijoollee waggaa torbaa taheen Asmaraa deemeen kutaa 10ffaa achumatti baradhe.

Sababa waraana Itoophiyaa fi Eritiraan bara 1993 maatii koo waliin ari'amnee deebinee dhufne. Amma magaalaa Maqaleen jiraadha.

Yeroosin barnoota addaan kutee hojii irratti bobba'ee maatii koo gargaaruun dirqama kan natti tahe.

Waggaa lama booda waldaa tola oolaa haadholii waliin hojjetu keessa seeneetan qulqulleessituu tahen qacarame.

Dhuma bara 2005 irratti immoo mudannoo jireenya koo geeddaretu naa dhufe. Otoon waldicha keessaa hojjedhuu dubartiin Meeksikoo tokko dubartootaaf leenjii kennuuf dhufte.

Biyya firiin balasii beekamurraa dhufte. Nutis firii kanarraa nyaata garaagaraa qopheessuu akka dandeenyu nu barsiiste.

Of geeddaruun abjuu koo halkaniif guyyaa gatii ture leenjicha qixeesseedhuman fudhadhe. Hamma hojiitti geeddaree of fooyyeessutti danqaa na mudatu danda'een darbaan ture.

Kanumaan cuunfaa, kuukiisiifi nyaata biroo balasii irraa qopheessuu ergan jalqabee booda, namoota barsiisuuf gatii guddaan kaffale.

Namni immoo uumamaan waan haaraa fudhachuun ijaa itti ulfaatuuf yeroon maarmaalaatii oomishuu jalqabu hawaasni amanuun isaan rakkisu baayyee turan.

''Maarmaalaatiin balasii irraa hojjetamu kan akkamiiti?'' Namoonni naan jedhan baayyee turan. Yeroos rakkina qarshii dhabuutiin baayyee qorameen ture.

Balasiin leecelloo naannoo keenyattii argamu gatii taheef abdii guddaa horachuun otuman kasaaruu akka namni baruuf hojii koo ittan fufe. Kana gidduutti abdii kutadhee hin beeku. Mana daldalaa koof kiraaf kaffalu dhabee cufee galee beeka.

Firiin balasii qabeenya magariisaa hanga yoonaa kan hojjennee irraa hin fayyadamne dha jedheen amana.

Kanaaf maarmaalaatiifi cuunfaan firii balasii irraa hojjetamu akkamitti yoo hojjetame dha namni jaalachuu kan danda'u? Hojii fi ifaaja akkamii barbaada dhimmoota jedhan irratti yeroo fudhadheen qorataan ture.

Egzibishinii darbee darbee qophaa'u irratti argameen faayidaafi qabiyyee oomisha kanaa beeksisuuf yeroo dheeraa natti fudhateetu ture.

Hojii hin baramnee akkasii ija jabaadhee itti seeneen ofiif hawaasa naannoo sadarkaa geeddaruu irrallee gaheen ture.

Qofaa tahuu mannaa jedheen immoo boodarra namoota afur dabaluun bara 2007tti waldaa dhaabeen oomisha koo bal'ifachaan jira. Waldaa kana jalatti dubartoota afuriifi dhiirri tokko hojjetu.

Kana dura dhaabbatni tola oolaa FAO jedhamuufi Ministeerri Qonnaa Xaaliyaanitti hidhatni gabaa akka naaf uumamu taasisuun maarmaalaatii qaruuraa kuma afur tahu ergeen jira.

Isaanis oomisha otoo hin badiin waggaa tokko turuu danda'u dha jechuun dhugaa naaf bahaniiru.

Ammas gabaa Kuwaataar jiru waliin waliigalee oomisha koo akka na harkaa fuudhan nattii himaniiru.

Biyya keessa gabaawwan gurguddoo kanneen akka Shawaa Supparmaarkeetiif kenneen namni oomishicha naaf baraa jira.

Oomisha balasii irraa argamu fayyadamuun hanqina nyaataa ittisuu, hanga dhiigaa fi sukkaara keenya to'achuunllee ni ni danda'ama.

Dabalataan oomishoota saamsamanii biyya alaatii dhufan illee hir'isuu dandeenya.

Balasii qoraattiisaa yoo keessaa baafne salaaxaa, foon waaddii fi dulatii illee ittiin qopheessuu ni dandeenya.

Haa tahu malee qaruuraa oomisha ittiin saamsinu irratti hanqina ijaa qabnuuf hamma barbaannu gabaa keessa gallee dorgomuu hin dandeenye.

Kana booda gabaa 'online' irratti wal argina. Qabeenya amma horadhe akkana yoon jechuu baadhellee of danda'uufi waan haaraa hawaasa kana barsiisuu danada'eera.

Oomisha kana karaa baramaatiin hojjetaati jirra. Dhihootti humna keenya guddifnee karaa ammayyaawaa taheen oomishatti akka gallu abdiin qaba.

Hojii keenya bal'isuuf jennee liqii yoo gaafannu konkolaataa fi mana nu gaafatu kuni nuuf qormaata isa guddaa dha.

Dubartii tahuun qormaata yoo taheyyuu hojii bulchuu, ijoollee guddisuufi maatii hogganuun walitti ida'amanii jabina ishee gaafatu. Yeroo gara kutaalee biyyaatti bahu ijoolee dhiisee gatii deemuuf yaannikoo gara duubaatti deemuun nan yaadda'a.

Garuu fedhii garaa keetii bira qaqqabuuf hunda dandamachuun barbaachisaa dha. Waan ittiin amane jabaadhee akkan hojjedhuuf immoo abbaan warraa koo waan na jajjabeessuuf karaatti hin hafne.

Yeroo dhihootti industirii oomisha balasii karaa ammayyaawaan hundeessuuf yaadaan jira.

Kunimmoo keesumaa dubartoota carraa hojii uumuun hawaasa keenya faayyadamaa ni taasisa jedheen amana. Ijoolleen koos iddootti jabaatanii hojjechuu itti baratan ni taha jedheen amana.

Dubartiin jabduufi hojii uumuu ni dandeessi jedheen amana. Hojjennaan dubartii gatii taateef waan duubatti ishee deebisu hin jiraatu.

Yeroon ammaa immoo ijoolleen dubaraa carraa foyya'aa kan ittiin argatan gatii taheef shakkii 'kana nan danda'aa garuu?' waan jedhu dhiisnee of akka jijjiirru na gaafadhaani.