Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaan intarneeta ugguruun addunyaarraa adda duree jedhamte
Indiyaan bara kan si'a 93 intarneeta ugguruun addunyaarraa adda dureedha jedhamteetti.
Tibbana seerri mirga lammummaa kennu haaraan magaalaalee Indiyaa hedduu keessatti mormii guddaan erga isa mudatee biyyattiin magaalota tokko tokko keessatti intarneeta ugguruutti deebiteetti.
Kanaaniis biyyattiin bara kana intarneeta ugguuruun addunyaa irratti biyya qixxee hin qabne ishee jechisiiseera.
Ministirri Mummee biyyattii Nariindiraa Moodii torbee darbe tibba mormiin cimu yaada tiwiitara gubbaatti barreessaniin ''eenyuyyuu mirga keessan hin mulqu, eenyummaa keessaaniifi aadaa keessan bareedaas isinirraa hin fudhatuu, daraaraafi guddachaa deemaa,'' jedhan.
Seerrii lammuummaa haaraan biyyoota ollaa sadii harki caalaan isaanii hordoftoota amantaa Musliimaa ta'an keessaa kanneen lakkoofsaan xiqqoo sababa amantaa isaaniin dhiibbaan irra gaheef lammumma kennuu hayyama.
Maddi mormii Kaaba baha biyyattii bulchiinsa Asaam jedhamutti ka'ee, eenyummaa fi aadaa keenya balleessa yaaddoo jedhuufi amantaan siyaaseffamuu hin qabu kan jedhu ture.
Rakkoon isaa guyyaa sana mataa isaa intarneetni adda citee waan tureef ergaadhuma isaanii kanallee namni karaa itti dubbisu hin arganne ture.
Dhaabbatni ugguura intarneet hordofu akka gabaasutti bara kana qofa Indiyaan intarneeta si'a 93 uggurtee addunyaarra adda duree taateetti.
Aanga'oonni biyyattii nageenyi yeroo boora'uu warri tajaajila intarneetaa kennan akka addaan kutan ajaju.
Torbanoota darbana kana mormii seera haaraa kanaan walqabateen, kutaalee biyyattii sadii keessatti tajaajilli intarneetaa adda citeera.
Magaala guddittii Indiyaa Niiw Delhii keessattis mormii guddaan jeequmsa makate uumamuus hanga ammaa intarneetni adda hin citne. Magaalittiin gidduu gala daldalaa fi siyaasaa waan taateef aanga'oonni intarneeta magaalichaa ugguruu dhaban yaada jedhutu jira.
Balaaleffannaan seera haaraa kanaa caamaa waan hin jirreef lakkoofsi adda cituu tajaajila kanaa hanga ammaatti galmaa'ee dabaluu akka maluus tilmaamama.
Kaashmiiritti tajaajilli biroodbandiifi daataa mobaayilaa ji'a afurii oliif fooyya'iinsa osoo hin agarsiisiin adda citeera.
Aanga'oonni naannichatti ''nageenya tiksuuf'' barbaachisaadha jedhaniiru.
Sadarkaa kanatti intarneeta adda kutuun kana dura Chaayinaa fi Maaynamaar keessatti qofa raawwatamee beeka.
Kun Indiyaaf haaraa miti. bara darbees si'a 134 intarneeta adda kuteetti. Biyyi biraan adeemsa walfakkaataa hordofuun sadarka lammaffaarratti argamtu Paakistaani(sia' 124).
Lammiileen Indiyaa hedduun wayita mormiin dhalatu hunda mootummaan tajaajila kana adda kutuun isaa mirga yaada ofii ibsachuu keenya dhiibaa jira jechuun komachaa jiru.