Badhaasa Noobelii: Meedaaliyaafi dippilomaan bakka argaaf tolu kaahaman

Koppiiwwan Meedaaliyaafi dippilomaan badhaasa Noobeelii Nagaa MM Abiy Ahimad fudhatan Godaanbaa biyyaalessaa fi iddoowwan biroo lama kaahamn.

Kibxata darbe sirna Noorwaay magaalaa Osolootti qophaa'erratti argamuun meedaaliyaafi dippilomaa badhaasa Noobeelii Nagaa fudhatanidha, har'ammoo gondahambaa biyyaalessaa, Yunivarsiitii Finfinnee fi waajira Minsteera Nagaa keessa kaahamera.

MM Abiy Ahimad lammii Itoophiyaa kan jalqabaa badhaasa Noobeelii Nagaa kan injifatan ta'uu, isaan badhaasni kun daawwannaaf banaa ta'aa jedhameera.

Yaadni badhaasa kana daawwannaaf ifa gochu kan MM Abiy yoo ta'u, kaayyoon isaas dhalootni haaraan ergamtoota nagaa akka ta'an jajjabeessuuf ta'uu waajirri ministira muummee beeksiseera.

Dabalataaniis lammiileen biyyattii hundi olka'iinsa biyyattiin argatte eegsisuun olka'iinsa birootti akka ceetu gahee isaanii akka bahaniif jajjabeessuuf ta'uu beeksise.

Badhaasicha Ministira Nagaa aadde Mufariyaat Kamiilitu eegumsaafi qo'annoo hambaalee Ministeera Turizimiif kenne.

Looreetiin Noobelii Nagaa bara 2019 MM Abiy Ahimad badhaasa isaanii fudhatanii kamisa darbe yeroo biyyatti deebi'an 'simannaan gootaa taasifameraaf.

Haasaa yeroo badhaasa fudhatan godhaniin mul'atni isaan waa'ee nagaa irratti qaban yaada Ida'amuu keessaa kan burqu ta'uu himaniiru.

"Yoo ollaan nagaan bule, nagaan bulani" jechuun kan dubbatan MM Abiy, biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti nagaa buusuuf akka hojjetanis himaniiru.

Namootni baayyeen badhaafamuun ni malaaf kan jedhan yoo ta'u, biyya keessatti nagaaf tasgabbii mirkaneessuurratti akka hojjechuu qabaniis dhaamu.