Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lolaafi wal-qoodiinsa hordoftoota amantaa Ortodoksii Eertiraa
Manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Eertiraa bara 2005 iddoo lamatti gargar bahuun duuba, hordoftoonni mana amantichaa kutaalee addunyaa adda addaa keessa jiran wal qoodanii wal lolaa jiru.
Lolli kun yeroo mara warra mootummaa deeggaraniifi morman gidduutti akka ta'e himamaa ture.
Namoonni dhimmicha dhiyeenyatti beekan garuu sana qofaa akka hin taane dubbatu.
Lola hordoftoota amantaa tokkoo garuu ammoo garee adda addaatti wal qoodan gidduu jirudha jedhu warri BBC'n dubbise.
Waggoota muraasaaf paatriyaarkii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Eertiraa ta'uun kan tajaajilan Abuna Anxaniyoos aangoo irraa kaafamuu hordofuun ture sinoodosiin bakka lamatti kan qoodame.
Gareen tokko Abuna Anxaniyoos patiriyaarkii dhugaa mana amantaa sanaati kan jedhanii deeggaran, gareen biraa ammoo kan hin deeggarreefi balaaleffatanidha.
Gaaffii gareen warra Abuna Anxaniyoos deeggaran gaafataniin Bataskaanni Kooptiikii Ortodokisii Masirii phaphaasii biraa muuddee Abuna Maqaariyoos mana lubummaa baqaan biyya alaa jiru hogganu.
Abuna Anxaniyoos mootummaa Eertiraan erga aangoorraa kaafamanii booda mana jireenyaa isaanii keessatti hidhaarra jiru.
Waggoota 10 oliif sagaleen isaanii dhagaahamee kan hin beekne Abuna Anxaniyoos bara darbe viidiyoo mana isaaniitti waraabame jedhamee marsaalee hawaasaa irratti gadi dhiifameen qaama mana amantichaa akka bulchu mootummaan ramadame mormuu isaanii dubbatanii ture.
Gareelee lamaan gidduutti araarri akka bu'u yeroo adda addaa yaaliin taasifamaa turuu biyya Israa'el magaalaa Telaaviiv keessatti tajaajilaa kan ta'e Lubni Salamoon Iyyoob ni dubbata.
Lubni Salamoon ofii isaa garee warra Abuna Anxaniyoos deeggaru keessa jiru.
"Baay'ee kan nama qaanessuu bataskaanni Eertiraa kufaatii keessa jirti" jedhu lubni Salamoon.
Bataskaana Lidataa Maariyaam kutaa lallabaa Awurooppaatti kan tajaajilan Luba Shinodaa Iyyoob 'Dararaa hamtuu keessaa jirra' jedhu.
Torban darbe bataskaana Madaaniyalamii Israa'el keessa jiru keessatti walitti bu'insi mudateen tajaajiltoonni wal reebanii wal madeessanii ture.
Kaneen wantoota qara qabuun wal waaranan akka jiraniifi poolisiin Israa'el shakkamtoota to'annoo jala oolchuunis gabaafameera.
Taatee kana kufaatii bataskanaa wajjiin walqabasiisan Luba Shinodaan.
Qeesota, daaqonoota fi faarfattootarra miidhaan qaqqabes baay'ee gaddisiisaadha jedhani ibsan.
Dhimmi addaan nu qoqqoode bara 2005 uumamee jedhu bataskaanota biyya Awurooppaa, Ameerikaa fi Isra'eel Abuna Maqariyoos jalatti bulan kan tajaajilan Phaaphaas Gebremikaa'el Yohaannis.
'Bara 2005tti Phaaphaasiin Eertiraa seera qabeessaan Paatiriyaarkii ta'an Abuna Anxaniyoos mootummaan ragaa tokko malee aangoorraa kaase. Qabees hidhe."
"Abbaan amantii yakka dalage otoo hin qabaatiin aangoorraa buufamuu balaleeffachuu keenyaan wal-qooduun uumame" jedhu.
Bataskaanaa Ortodoksii Eertiraa dimmicharratti bara 2005 gartuu lamatti addaan qoodamuu booda haalli ture jijjiramuu danda'aa jedhamee abdatamus addaan qoodamte hafte.
Bara 2006 Phaaphaasonni Eertiraa Masirii dhaqanii Abuna Anxaniyoos aangoorraa akka ka'an gaafatan.
Bataskaanni Masirii garuu Paatiriyaarkii yakka hin dalagne aangoorraa buusuu hin dandeessani hin murteessinuu jedhanii bara 2009 Paatiriyaarkii haaraa muudani jedhu.
Yaalii Araaraa
Paatiriyaarkii kan muuddu Bataskaanni Kooptikii Masirii hariiroo gaarii Eertiraa waliin qabdurraa ka'uun lola kana furuuf yaalii gootee itti hin milkoofne.
Sinoodoosiin mana amantichaa Eertiraa jiru dhimma kanarratti yaada araaraa erga dhiyeesseen booda, deebisee itti dhiise jedhu Luba Shinoodaan.
Luba Salamoon gama isaaniitiin "aangoon mana amantichaa qaama biraa harka jira, osoo nu harka jiraate hagas mara ulfaataa hin ta'u ture" jechuun gara mootummaatti quba qabu.
Mootummaan Eertiraa manni amantaa akka tokko taatu hin fedhus jedhu.
Yeroo adda addaatti yaaliin gara garaa taasifamus gama warra Asmaraa jiraniin fedhiin araaraa akka hin jirre dubbatu.
Wal-qoodinsi mana amantaa keessatti eegale kun lammilee Eertiraa hordoftoota amantichaa ta'an biyyoota adda addaa keessa jiraatan gidduutti rakkoo hawaasummaa uumaa jira jedhu abbootiin amantaa kunneen.
Sababa kanaan duudhaaleen mana amantichaa badaa, manni amantaas ta'e hordoftoonni amantichaa rakkoolee adda addaaf saaxilamaa jiraachuu himu.
BBC'n garee warra paatiriyaarkummaa Abuna Anxaniyoos morman biyya alaa jiran irraas ta'e mana lubummaa Eertiraa jiru irraa yaada gama isaaniin jiru argachuuf yaalii godhee hin milkoofne.