Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraa magaalaa Asmaraatti mormiin taasifamuus mootummaan waan guddaa miti jedheera
Yeroo dheeraa booda magaalaa guddoo Ertiraa, Asmaraatti guyyaa kaleessaa mormiin taasifame. Sagaleen dhukaasaas dhagahameera.
Imbaasiin Ameerikaa magaalaa Asmaraa argamu ''bakkeewwan hedduu'' keessatti sagalee dhukaasaa dhagahamuu isaa gabaasni na gaheera jechuun ibsa baase.
Ministirri odeeffannoo biyyattii Yamaana G/Masqal dhuguma mormiin taasifamuu isaa tiwitarii isaanii irratti barreessaniiru. Haa ta'u malee, hookkarri jira isa jedhame garuu haalaniiru.
''Namoonni muraasa mana barumsaa Asmaraa argamu keessaa walitti dhufan hiriira nagaa taasisanis miidhaan osoo hin mudatin gargar akka faca'aan taasifameera. Oduu guddaa ta'uu miti,'' jedhan.
Imbaasiin Ameerikaa lammiilee Ameerikaa gidduu magaalaa Asmaraatti ''mormiin baay'achuu waan danda'uuf'' akka fagaatan gorseera.
''Daandiin magaalaa keessaa cufamuun alatti poolisiinis baay'inaan qubachuu mala. Hiriirri nagaa waldhabdee fi jeequmsatti jijjiiramuu danda'a,'' jedha ibsi imbaasii Ameerikaa Asmaraatti argamu baase.
Haaluma wal fakkaatuun, Imbaasiin Xaaliyaanii Asmaraa argamuus mormiin taasifamuu isaa BBC'f mirkanesseera. Ergasi booda garuu nagaan bu'uu kan hime.
Ministira kominikeeshinii Ertiraa argachuuf yaaliin taasifame hin milkoofne.